Itiyoophiyaan sirna tumsa biyyoota hedduu keessatti biyya qooda murteessaa qabdudha- Antooniyoo Gutereez - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan sirna tumsa biyyoota hedduu keessatti biyya qooda murteessaa qabdudha- Antooniyoo Gutereez

Fulbaana 11/2016 (TOI)- Itiyoophiyaan sirna tumsa biyyoota hedduu keessatti biyya qooda murteessaa baatu ta’uushee barreessaan olaanaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutereez ibsan.
Yaa’iin waliigalaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 78ffaan mataduree “nageenya, badhaadhina, jijjiiramaa fi egeree” jedhuun Niw Yoorkitti Itti fufeera.
Barreessaan olaanaa Dh M G Antooniyoo Gutareez yaa’ichaan cinaatti itti aanaa ministira muummee fi ministira dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin waajjirasaaniitti simatanii haasofsiisaniiru.
Barreessaan olaanaa kun bara aangoo komishinii godaantotaa Dh M G tti ummata Itiyoophiyaa waliin miira tumsaa gadifageenyaa akka qaban yaadataniiru.
Itiyoophiyaan qormaata hawaas dinagdee qabdu furuuf yaaliin taasisaa jirtu akka milkaa’u hawwaniiru.
Gutareez bara aangoosaaniitti Dh M G hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabu akka cimu kutannoon akka hojjetan ibsaniiru.
Itiyoophiyaan sirna tumsa biyyoota hedduu keessatti biyya qooda murteessaa qabdudha jedhan barreessaan olaanaa kun.
Dhaabbanno mootummoota gamtoomanii fi barreessaan olaanaa kun yaalii dhuunfaasaaniitiin yeroo rakkinaatti deeggarsa Itiyoophiyaaf taasisan obbo Dammaqaan dinqisiifataniiru.
Hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaa ilaalchisuun obbo Dammaqaan Antooniyoo Gutareeziif ibsa taasisaniiru.
Dh M G yaaliiwwan deebisanii ijaaruu fi deebisanii dhaabuu akkasumas deeggarsa namootaa kanneen biroo akka taasisu waamicha taasisuusaanii ministeerri dhimma alaa beeksiseera.