Kuusaan bishaanii Boorana Bahaatti hirmaannaa ummataan qotaman rooba gannaan guutaniiru- waajjira qonnaa godinichaa - ENA Afaan Oromoo
Kuusaan bishaanii Boorana Bahaatti hirmaannaa ummataan qotaman rooba gannaan guutaniiru- waajjira qonnaa godinichaa

Fulbaana 10/2016 (TOI)-Kuusaan bishaanii godina Boorana Bahaa hanqina roobaa qabanitti hirmaannaa ummataan qotaman rooba gannaan bishaaniin guutamuusaanii waajjirri qonnaa godinichaa beeksise.
Ogeessi qabeenya uumamaa waajjirichaa obbo Aliyyee Arebbaa godinichatti aanaalee hanqina roobaa qaban 6 keessatti boolloon bishaanii 800 ol qotamuu TOI’f himaniiru.
Kuusaan bishaanii kunneen kan qotaman aanaalee ongeef saaxilaman Areeroo, Gumuu Eldalloo, Liiban, Daas Madda walaabuu fi Walaabuu Liixaatti.
Godinichatti hanqina roobaa waggoota lama walitti aananiif tureen ongee mudateen midhaan, loonii fi nyaata looniirratti miidhaa geessisuu yaadataniiru.
Rakkoo kana ummata hirmaachisuun roobaa fi bishaan lafa jalaan damdamachuuf tumsi taasifamaa akka jiru obbo Aliyyeen ibsaniiru.
Bishaan rooba ganna baranaa kuusuun bona itti fayyadamuuf hirmaannaa ummataan boolloon jiddugaleessaa 853 qotamanii bishan roobaan guutamaniiru jedhan.
Bishaan kuufame ummata kuma 34 fi 800 olii fi loon kuma 120 ol akka fayyadu ibsaniiru.
Boolloo kanneen qotuuf ummanni hirmaannaa humnasaa birrii miiliyoona 1 fi tuqaa 3tti tilmaamamu gumaachuusaa himaniiru.
Bishaan lafa keessaatiin ongee damdamachuuf yaalii taasifamuun cinaatti pirojektoonni misooma jallisii hedduun qotamaa akka jiran ibsaniiru.
Kana malees gadifageenya saaxilamummaa ongee qorachuun qophiileen hunda galeessa taasifamaa jiru jedhaniiru.
Misoomni sululaa bardheengaddaa jalqabame baranas cimee akka itti fufu beeksisaniiru.
Godinichatti jiraataan aanaa Liiban ganda Gobbichaa Obbo Abdii Nuur yaada kennaniin,baatii bonaa yeroo hundaa burqaan waan goguuf hanqina bishaan dhugaatii namaa fi looniif saaxilamaa akka ture ibsaniiru.
Ongeen wagga darbe mudate miidhaa loonii fi nyaata looniirra darbe geessisuusaa yaadataniiru.
Mootummaan botteen Bishaan dhiheessus rakkinichi olaanaa waan ta’eef amma barbaadan akka hin arganne dubbataniiru.
Bishaan roobaa kuusuun rakkinicha damdamachuuf jiraattota naannawaa waliin ta’uun haroo qopheessuusaanii ibsaniiru.
Jiraataan ganda kanaa kan biraa obbo Ibraahiim Adam gamasaaniin, rakkoo kana deeggarsa mootummaan qofa damdamachuun hindanda’amu jedhaniiru.
Qophii boolloo bishaanii hawaasaa fi hojii misoomaa eegumsa biyyoo fi bishaanii kanatti waggaa shanii oliif akka hirmaatan dubbataniiru.