Yuunaayitid Kiingiden tumsa Itiyoophiyaa waliin qabdu gara tumsa tarsiimawaatti guddisuu akka barbaaddu ibsite - ENA Afaan Oromoo
Yuunaayitid Kiingiden tumsa Itiyoophiyaa waliin qabdu gara tumsa tarsiimawaatti guddisuu akka barbaaddu ibsite

Fulbaana 10/2016(TOI)- Yuunaayitid Kiingiden hariiroo dippilomaasii Itiyoophiyaa waliin qabdu gara tumsa tarsiimawaatti guddisuu akka barbaaddu ministirri misoomaa fi Afriikaa Yuunaayitid kiingidem Andriiw Miicheel ibsan.
Yaa’iin waliigalaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 78ffaan mata duree “nageenya, badhaadhina, jijjiiramaa fi egeree” jedhuun Neyoorkitti taa’amaa jira.
Iti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin yaa’icha cinaatti ministira misoomaa fi Afriikaa Yuunaayitid Kiingdem AndriiwuMiicheel waliin mari’ataniiru.
Biyyisaanii walitti hidhamiinsa Itiyoophiyaa walii qabdu gara sadarkaa tumsa tarsiimawaatti guddisuu akka barbaaddu Andriiw Miicheel dubbataniiru.
Tarkaanfiin kun tums agama daldalaa, Invastimantii, nageenyaa, godaantotaa fi dameelee addaddaan biyyoonni lamaan qaban caalaatti cimsuuf akka gargaaru himaniiru.
Itiyoophiyaan akka lakkoofsa Awurooppaatti baatii Eblaa bara 2024 yaa’ii invastimantii Afriikaa Yuunaayitid Kiingidamitti taa’amurratti akka hirmaattu afeeramuushee ministirichi eeraniiru.
Itiyoophiyaan iddoo teessuma lafaa ijoo kan qabduu fiAfriikaatti biyya qooda olaanaa baatu akka taate kaasaniiru.
Itiyoophiyaan gaaffii yaa’ii Invastimantii Afriikaarratti akka hirmaattu dhihaateef akka fudhattuu fi fedhii tumsa tarsiimawaaItiyoophiyaan ija gaariin akka ilaaltu obbo Dammaqaan dubbataniiru.
Kana malees dhimmoota biyyaalessaa fi zoonichaarratti Andiriiw Michaaliif ibsa kennuusaanii ministeerri dhimma alaa beeksiseera.
Akkasumas itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin yaa’icha cinaatti ministira dhimma alaa Ayerlaand Maayikil Maartiin waliin mari’ataniiru.
Itiyoophiyaa fi Ayerlaand hariiroo biyyoota lamaanii yeroon deebisanii itti haaromsan amma jedhan obbo Dammaqaan.
Boqonnaa kaleessaa cufuun fi tumsa Kanaan dura ture deebisuun tumsa biyyoonni lamaan damee addaddaan qaban deebisuun akka barbaachisu dubbataniiru.
Waliigaltee nageenyaa ilaalchisuun ibsa kan taasisan obbo Dammaqaan waliigaltichi kallattii sirriirratti akka argamuu fi Ayerlaand hojii deebisanii ijaaruu fi dhaabuu akka deeggartu waamicha taasisaniiru.
Ministirri dhimma alaa Ayerlaand Maayikil Maartiin Itiyoophiyaan tumsituu gaarii ta’uushee fi Ayerlaand fayyadamummaa ummattoota biyyoota lamaaniif akka hojjettu ibsuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa argame nimul’isa.