Itiyoophiyaan tumsa Kirooshiyaa waliin qabdu cimsitee itti fufti-Obbo Dammaqaa Mokonnin - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan tumsa Kirooshiyaa waliin qabdu cimsitee itti fufti-Obbo Dammaqaa Mokonnin

Fulbaana 10/2016 (TOI)- Itiyoophiyaan tumsa Kirooshiyaa waliin qabdu cimsitee itti fufti jedhan itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin.
Kirooshiyaan Itiyoophiyaatti embaasii banuuf murteessuushee dinqisiifataniiru.
Obbo Dammaqaa Mokonnin yaa’ii waliigalaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii cinaatti ministira dhimma alaa Kirooshiyaa Gordan Griiliich waliin marii taasisaniin Itiyoophiyaan hariiroo waloo Kirooshiyaa waliin qabdu cimsuuf kutannoo akka qabdu dubbataniiru.
Walta’iinsa dippilomaasii biyyoota lamaanii komishinii ministirootaa dhaabuun sadarkaa olaanaatti ceesisuuf waliigaluusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa argame nimul’isa.