Itiyoophiyaa fi Kuwaataar walta’iinsa gama Daldalaa fi Invastimantiin qaban cimsuuf akka hojjetan ibsan

Fulbaana 10/2015(TOI)- Itiyoophiyaa fi Kuwaataar walta’iinsa gama Daldalaa fi Invastimantiin qaban caalaatti gabbisuuf akka hojjetan beeksisan.

Yaa’iin waliigalaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 78ffaan mata duree “nageenya, badhaadhina, jijjiiramaa fi egeree” jedhuun Neyoorkitti taa’amaa jira.

Itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin yaa’ichaan cinaatti ministira dhimma alaa Kuwaataar sheek Tamiim Biin Hamaad Al Taanii waliin mari’ataniiru.

Mootummaan adeemsa waliigaltee nageenyaa jabeessuuf tarkaanfiiwwan addaddaa fudhachaa akka jiru Obbo Dammaqaan ibsaniiru.

Gama biraatiin Itiyoophiyaan Itiyoophiyaan hojii daldalaa fi Invastimantii damee dhuunfaa Kuwaataariif mijooftuudha jedhan.

Ministira dhimma alaa Kuwaataar sheek Tamiim Biin Hamaad Al Taanii hariiroon biyyoota lamaanii fedhii waloorratti hundaa’e guddachaa dhufuusaa fi biyyisaanii Itiyoophiyaa waltajjiiwwan biyyoota hedduurratti akka deeggartu obbo Dammaqaaf mirkaneessaniiru.

Biyyoonni lamaan daldala dabalatee walta’iinsa dameewwan addaddaatiin qaban guddisuun akka barbaachisu waliigaltee waloorra gahuusaanii ministeerri dhimma alaa beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015