Dhaabbanni misooma Industirii mootummoota gamtoomanii walta’iinsa Itiyoophiyaa waliin qabu cimsuuf fedhii akka qabu ibse - ENA Afaan Oromoo
Dhaabbanni misooma Industirii mootummoota gamtoomanii walta’iinsa Itiyoophiyaa waliin qabu cimsuuf fedhii akka qabu ibse

Fulbaana 10/2016 (TOI)- Dhaabbanni misooma Industirii mootummoota gamtoomanii (Yuuniidoo) hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabu caalaatti cimsuuf fedhii akka qabu daarektar jeneraaliin dhaabbatichaa Gerd Muler beeksisan.
Yaa’iin waliigalaa 78 dhaabbata mootummoota gamtoomanii Niyoorkitti taa’amaa jira.
Itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin yaa’ichaan cinaatti daarektar jeneraalaa dhaabbata misooma industirii dhaabbata mootummoota gamtoomanii(Yuuniidoo) Gerd Muler waliin mari’ataniiru.
Yuuniidoon pirojektoota misoomaa Itiyoophiyaa deeggaruuf kutannoo akka qabu fi nageenyi, tasgabbii fi misoomni Itiyoophiyaa xiyyeeffannoo dursi kennamuuf akka ta’e ibsaniiru.
Dhaabbatichi akka lakkoofsa Awurooppaatti baatii Sadaasaa bara 2023 yaa’ii idil addunyaa Finsinneetti akka taa’u Gerd Muler obbo Dammaqaaf himaniiru.
Daarektar jeneraalichi yaaliiwwan dhuunfaa taasisaa jiraniif obbo Dammaqaan galateeffatanii, Itiyoophiyaan Yuuniidoo waliin hariiroo cimaa qabaachuu barbaaddi jedhan.
Kana malees obbo Dammaqaan yaa’ichaan cinaatti aanga’oota olaanoo mootummoota biyyoota Awurooppaa fi jiddugaleessa bahaa waliin mari’achuusaanii ministeerri dhimma alaa beeksiseera.