Itiyoophiyaan tumsa Kuubaa waliin qabdu bal’isuun hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf hoojechaa jirti- Ambaasaaddar Gannat Tashoomee - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan tumsa Kuubaa waliin qabdu bal’isuun hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf hoojechaa jirti- Ambaasaaddar Gannat Tashoomee

Fulbaana 09/2016 (TOI)- Itiyoophiyaan tumsa Kuubaa waliin qabdu bal’isuun hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf hoojechaa akka jirtu Kuubaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Gannat Tashoomee ibsan.
Biyyoonni lamaanmichoomaa fi walta’iinsa bara dheeraa akka qaban ambaasaaddar Gannat ibsanii, Kuubaan keessumaa deeggarsa hedduu Itiyoophiyaaf taasisuushee eeraniiru.
Birmadummaa fi tokkummaa bulchiinsa Itiyoophiyaaf loltoonni Kuubaa aarsaa kafaluusaanii kaasanii, Itiyoophiyaanonni oolmaa kana hinhirraanfan jedhaniiru.
Kuubaan Itiyoophiyaanota kumaan lakkaa’amaniif carraa barnootaa kennuushee eeraniiru.
Kana malees ogeeyyonni waldhaansaa Kuubaa ogeeyyota damee fayyaa Itiyoophiyaatti argamaniif deeggarsa barnootaa fi leenjii kennaa akka jiran dubbataniiru.
Kuubaan muuxannoo gama qonnaa, misooma qabeenya bishaanii, jallisii, eegumsa naannoo fi dameewwan addaddaatiinqabdu Itiyoophiyaaf qooduuf akka barbaaddu ibsaniiru.
Hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf Saayinsii fi Teeknooloojii dabalatee dameelee waldeeggarsaa birootiin tumsa bal’isuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru.
Gareen jilaa Itiyoophiyaa itti aanaa ministira muummee fi ministira alaa Dammaqaa Mokonniniin durfamu yaa’ii garee 77 fi Chaayinaa dhiheenya Kuubaa magaalaa Havaanaatti taa’amerratti hirmaachuunsaa niyadatama.
Obbo Dammaqaan yaa’ii Kana cinaatti pirezidaantii Kuubaa Miiguweel Beermuudeez Farnaandeez fi hooggantoota mootummaa biyyatti biroo waliin dhimmootawalta’iinsa biyyoota lamaanii cimsuuf dandeessisanirratti mari’ataniiru.
Itiyoophiyaa fi Kuubaan akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1975 ture hariiroo dippilomaasii kan jalqaban.