Bara barnootaa baranaa godina Booranaa Bahaatti barattoonni kuma 137 ol mana barnootaatti nisooramu - ENA Afaan Oromoo
Bara barnootaa baranaa godina Booranaa Bahaatti barattoonni kuma 137 ol mana barnootaatti nisooramu

Fulbaana 09/ 2016 (TOI)- Bara barnootaa baranaa godina Booranaa Bahaatti barattoota kuma 137 ol mana barnootaatti sooruuf qophiin taasifamuuwaajjirri barnootaa godinichaa beeksise.
Kanaafis bajanni birrii miiliyoona 50 ol ramadamuusaa waajjirichi ibseera.
Wajjirichatti qindeessaan sagantichaa obbo Badhaadhaa Warqinaa akka ibsanitti, sagantichi manneen barnootaa 447 keessatti kan hojiirra oolu yemmuu ta’u kana keessaa 109 manneen barnootaa idileen duraati.
Magaalaa Nagallee dabalatee barattoonni aanaalee hundatti barnoota idilee baratan kuma 137 fi 760 ol sagantaa kanatti nifayyadamu.
Booranni bahaa gammoojjii fi irra deddeebiin ongeen waan miidhamuuf sagantaan kun faayidaa hedduu akka qabaatu ibsaniiru.
Ummanni godinichaa sagantaa kanaaf deeggarsa akaakuu fi maallaqaa taasisaa akka jiru beeksisaniiru.
Sagantichi dhiibbaa jireenyaa maatii fi rakkoo barumsa addaan kutuu daa’immanii akka hir’isu waggaa darberraa muuxannoon akka argame ibsaniiru.
Godinichatti bara barnootaa baranaaf manneen barnootaa hundatti galmeen barattootaa harka 96 raawwatamuu kaasaniiru.
Dursaan mana barumsaa Shaalaa sadarkaa tokkoffaa magaalaa Nagallee Masfin Xilaahuun manni barumsichaa fayyadamaa sagantaa kanaa ta’uusaa ibsanii, lakkofsi barattoota barumsa addaan kutanii hir’ateera jedhan.
Waggaa waggaan barattoonni hedduun barumsa addaan kutaa akka turan eeraniiru.
Sagantaan kun jalqabamuunsaa dhiibbaan baasiin maatii akka hir’atuu fi fedhiin daa’imman barnootaaf qaban akka dabalu taasisa jedhan.
Haala walqabateen godinichatti sagantaa sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuutiin kutaaleen barnootaa dabalataa 100 ol ijaaramuunsaanii ibsameera.
Waajjirichatti dursaan garee sagantaa fooyyessa manneen barnootaa obbo Taaddasaa Bultoo, hojiin sadarkaa kutaa barnootaa 103 fooyyessuun harki 90 xumurameera jedhan.
Hojiileen sadarkaa fooyyessuu tola ooltota gannaa fi irra caalaan hirmaannaa humnaan ummanni godinichaa tolaan taasiseen raawwatamuu ibsaniiru.
Amma ammaatti hirmaannaan ummata godinichaa birrii miiliyoona 1tti tilmaamamuu fi maallaqa calla kuma 343 ol hojiirra ooluusaa eeraniiru.