Paarkiin biyyaalessaa gaarreen Baalee hambaa addunyaa ta’uun Yuuneeskootti galmeeffame - ENA Afaan Oromoo
Paarkiin biyyaalessaa gaarreen Baalee hambaa addunyaa ta’uun Yuuneeskootti galmeeffame
Fulbaana 07/2016 (TOI) – Koreen hambaa addunyaa paarkii biyyaalessaa gaarreen Baalee naannoo Oromiyaatti argamu galmee hambaa addunyaa Yuuneeskootti akka galmaa’u murteesseera.
Yaa’ii hambaa addunyaa 45ffaa har’a Saa’udii Arabiyaa Riyaaditti taa’ame irratti paarkiin biyyaalessaa gaarreen Baalee hambaa addunyaatti galmaa’eera.
Paarkiin biyyaalessaa Gaarreen Baalee hambaa ta’uun kan galmaa’e Itiyoophiyaatti hambaa uumamaa isa lammaffaa ta’uun yemmuu ta’u, addunyaarratti ammoohambaa 11ffaa ta’uunidha.
Itiyoophiyaan yaa’ii hambaa addunyaa 45ffaarratti hawattoota turizimii gurguddoo lama hambaa addunyaatti galmeessisiisuushee odeeffannoon ministeera Tuurizimii nimul’isa.