Haala mijataa misooma dammaatiin jiru hojiirra oolchuun inisheetivii misooma dammaa milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Haala mijataa misooma dammaatiin jiru hojiirra oolchuun inisheetivii misooma dammaa milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jira

Fulbaana 05/2016(TOI)- Godina Baaleetti haala mijataa misooma dammaatiin jiru hojiirra oolchuun inisheetivii misooma dammaa milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuun ibsame.
Godinichatti inisheetiivii misooma dammaa milkeessuuf gaagurri ammayyaa kuma 55 ol raabsamaa jiraachuu waajjirri qonnaa godinichaa beeksise.
Ittaanaan waajjira qonnaa godina Baalee Obbo Abdullaxiif Amaan akka jedhanitti, godinichatti haala mijataa misooma dammaatiin jiru fayyadamuun oomisha dammaa dabaluuf hojjatamaa jira.
Inisheetivii misooma dammaa hojiirra oolchuun gaagura hammayyaa kuma 55 ol qonnaan bulaaf raabsaa jiraachuus kaasan.
Ittigaafatamaan waajjira qonnaa aanaa Agaarfaa Obbo Aadam Guyyee gaagura ammayyaa 500 qonnaan bultoota 300f raabsaa jiraachuu himan.
Qonnaan bultoonni aanaa Agaarfaa dubbifne yaada kennaniin, hojii qonnaa hojjataniin cinaatti oomisha dammaarraa galii dabalataa argachaa jiraachuu dubbatan.
Keessattuu, gaagurri ammayyaa gatii madaalawaan argatan oomisha dammaa baay'inaa fi qulqullinaan oomishuun galii dabalataa caalmaan argachuuf abdii kan itti hore ta'uus eeran.
Aanichatti inisheetiivii misooma dammaa milkeessuuf bara kana hanga ammaatti gaagurri kuma 1 ol qonnaan bultootaaf kan raabsame ta'uu fi damma toonii 670 omishuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuus eeran.
Bulchaa ittaanaan aanaa Agaarfaa Obbo Geetaachoo Abbabaa damma baay’inaa fi qulqullinaan oomishuun faayidaa diinagdee argamu dhugoomsuuf gaagura ammayyaa qonnaan bultootaaf dhiyaachaa jiraachuu himan.
Godina Baaleetti inisheetiivii misooma dammaa hojiirra oolchuun damma toonii kuma 3 ol omishuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuu ragaan waajjira qonna godinichaarraa argame nimul'isa.