Luusiiwwan dorgommii waancaa Afrikaaf tapha deebii taasifamuun Finfinneetti Burundii waliin ni taphatu

Fulbaana 4/2016 (TOI):  Gareen kubbaa miillaa dubartoota  biyyaaleessaa Itoophiyaa Luusiiwwan  dorgommii waancaa Afrikaaf tapha deebii taasifamuun Finfinneetti Burundii waliin kan taphatan ta'uu Federeeshiniin Kubbaa Miillaaa Itoophiyaa beeksise.

Itoophiyaan tapha dirree ishee Finfinneetti taasifamuu kana Istaadeemii Ababaa Biqilaatti kan taphatamu ta'uu  CAF beeksisuu federeeshinichi beeksiseera.

Gama birootiin Buruundiin tapha dirree isheerratti geggeeffamuu qabu waliigaltee Federeeshinii kubbaa miillaa Itoophiyaa waliin taasisaniin Finfinnee Istaadeemui Ababaa Biqilaatti akka taphatamu ta'uus federeeshinichi beeksiseera.

Taphi jalqabaa Fulbaana 9/2016 kan taphatamu yoo ta'u  Taphni lammataa Fulbaana 15/ 2016 akka taphatamu federeeshinichi beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015