Waraqaan eenyummaa dijitaalaa biyyaalessaa hojjettootaa dhaabbilee mootummaa keessatti hojiirra ooluufi - ENA Afaan Oromoo
Waraqaan eenyummaa dijitaalaa biyyaalessaa hojjettootaa dhaabbilee mootummaa keessatti hojiirra ooluufi
Fulbaana 03/2016(TOI)- Waraqaan eenyummaa dijitaalaa biyyaalessaa hojjettootaa dhaabbilee mootummaa keessatti hojiirra ooluuf akka ta’e ibsame.
Komishiniin siviil sarviisii federaalaa fi sagantaan waraqaa eenymmaa biyyaalessaa hojicha waliin hojjechuuf waliigalteerra gahuunsaanii ibsameera.
Haala Kanaan sirni waraqaa eenyummaa dijitaalaa eenummaa hoojjettoota mootummaa mirkaneessu akkasumas amanisiisummaa fi nageenyisaa eegame akka jiraatu nitaasifama jedhameera.
Daarektarri teekinikaalaa dagantaa waraqaa eenyummaa biyyaalessa Iyyoob Alamu, waraqaan eenyummaa dijitaalaa sirna bulchiinsa qabeenya namaa dhaabbilee mootummaa ammayyeessuu fi murteewwan mootummaaf odeeffannoo qindeessuuf akka gargaaru ibsaniiru.
Sagantaan waraqaa eenyummaa dijitaalaa bifa tokko ta’e kun hanqinoota hojmaataa akka hir’isu kan ibsan daarektarichi, tajaajila malaammaltummaa fi homaata badaarraa ala ta’e kennuuf haala mijataa akka uumu dubbataniiru.
Sanadoonni hojjettoota mootummaa sirrii ta’uu fi amanamaasaa gama mirkaneessuutiin qooda olaanaa akka qabaatu eeraniiru.
Komishinii Siviil sarviisiitti gaggeessaan hojii raawwachiisaa siviil sarviisii dijitaalaa fi odeeffannoo doktar Biruuk Yirgaa gamasaaniin, jijjiiramni waraqaa eenyummaa dijitaalaa siviil sarvaantiif gumaacha guddaa akka qabu dubbataniiru.
Hojjettoonni mootummaa hundi odeeffannoo sirrii kuusaa biyyaalessaa keessatti hojjettoonni tajaajila ifaa fi si’ataa akka argatan taasisa jedhan.
Kana malees baay’ina hojjettoota mootummaa sirnaan beekuu fi murteelee si’ataa dabarsuuf nigargaara jedhaniiru.
Komishinichi hojjettoonni mootummaa federaalaa Finfinneetti argaman hundi buufataalee baankii fi waraqaan eenyummaa dijitaalaa itti galmaa’u dhiheenyasaaniitti argamutti akka galmaa’an kallattiin taa’uusaa ibsameera.
Galmeen kun hojjettoota mootummaa bulchiinsa magaalaa Dirreedawaa fi naannolee hunda biratti hojiirra ni’oola jedhameera.