Tamsaasa Kallatti:

Kitaabonni Safuu fi Kiidpiruunarii sirna barnootaa haaraa akka Naannoo Oromiyaatti qophaa'an eebbifaman

Fulbaana 03/2016(TOI)- Kitaabonni Safuu fi Kiidpiruunarii sirna barnootaa haaraa akka Naannoo Oromiyaatti qophaa'an eebbifamaniiru.

Hooggantoonni olaanoo federaalaa fi naannoo, hayyoonni akkasumas Abbootiin Gadaa fi Hadholiin Siinqee eebba kitaabotaarratti argamaniiru.

Sirna eebba kitaabaa kanarratti haasaa kan taasisan hoogganaan biiroo barnootaa Oromiyaa doktar Tolaa Bariisoo dhaloota naamusa cimaa fi jaalala biyyaa qabu horachuuf barnoonni safuu murteessaa ta'uun sirna Barnootaa haaraa keessatti hojiirra akka oolu taasifamuu himaniiru.

Waggoottan 31 keessatti dhaloota qubee horachuun ummanni Oromoo afaan tokkoon akka waliigalu taasisuu ibsaniiru.

 Dhaloonni ifa boruu fi bu'uura boruu aadaa fi duudhaa Oromoon qabu beekee akka ittiin jiraatu Sirni Gadaa hojiirra akka oolu taasifamuu yaadachiisanii, bara kanas barattoonni naamusa cimaadhaan qaramanii akka guddatanii fi biyya isaanii akka tajaajilaniif barnoota safuu fi ogummaan daa'immanii kan kennamu ta'uu eeraniiru.

Naannoo Oromiyaatti barattoonni miliyoona 11 ol kan baratan ta'uu yaadachiisanii, barattoonni kunneen naamusa cimaa akka horatanii fi ofitti amanamummaa cimaa akka gonfatan barnoonni safuu fi ogummaa daa'immanii Sirna Barnootaa haaraa keessatti akka kennamu taasifamuu dubbataniiru.

Daa'imman ogummaa fedhan umurii daa'imummaa irraa eegalanii akka baratanii fi dandeettii waa kalaquu qaban akka dagaagfataniif barnoonni ogummaa daa'immanii kennamu gahee olaanaa kan qabu ta'uus ibsaniiru.

Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantiitti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Abdulhakiim Muluu dhaloota ijaaruufis ta'ee kuffisuuf Sirni Barnootaa gahee olaanaa kan qabuu ta'uu dubbataniiru.

Mootummaan sirna Barnootaa fooyyessuun dhaloota dorgomaa fi ofitti amanamummaa qabu horachuuf hojjecha jiraachuus himaniiru.

Dhaloota gama hundaan gahoomee fi rakkoo biyyaa hiikuu danda'u horachuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.

Barnoonni safuu fi ogummaa daa'immanii sirna barnootaa haaraa keessatti akka hammatamu taasifamuun isaa dhaloonni eenyummaasaa beekee guutuu ta'uun hiyyummaa biyya keenyaa mo'achuun dinagdee cimaa lafa qabsiisuu danda'u horachuuf gahee olaanaa kan qabu ta'uus ibsaniiru.

Gosoota barnootaa kana qabatamaan hojiirra oolchuu keessattis qaamni hunduu gahee isarraa eegamu akka bahuu qabuus dhaamaniiru.

Kitaabonni kunneen sirna barnootaa haaraa hojiirra oolaa jiruun bara 2016 irraa eegalee hojiirra kan oolan ta'a.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015