Haalli qilleensaa ji'aa fulbaanaa gara jalqabaa guyyoota 10 hojii qonnaaf gahee olaanaa qaba.

Haalli qilleensaa ji'aa fulbaanaa gara jalqabaa guyyoota 10 hojii qonnaaf gahee olaanaa qaba.

Fulbaana 2/2016 (TOI) - Haalli qilleensaa ji'aa fulbaanaa gara jalqabaa guyyoota 10 hojii qonnaaf bu'aa olaanaa akka qabu Instiitiyuutiin Meetirolojii Itoophiyaa beeksise.

Instiitiyutichi ibsa TOI'f ergeen Fulbaana kana guyyoota jalqabaa 10 haalli qilleensaa rooba fiduu danda'uu Itoophiyaa bakka adda addaatti akka jiraachuu danda'a jedheera. 

Haaluma kanaan naannaawwaa jiddugala lixaa biyyattirratti bal'inaan roobni gahaan waan jiraatuuf  kunis hojii qonnaaf haala mijataa kan uumudha jedheera.
 
Haalli qilleensaa kun oomishaalee kanaan dura facaafaman, kanneen firii godhachaa jiranfi kanneen guddina sadarkaa adda addaarra jiranii haala barbaadamuun akka guddatan kan dandeesisuu ta'uu ibsa isaan eereera.

Gama biroon haalli qillensaa jiidhaa kaabaafi kaabaa bahaa biyyattirra xiqqaachaa kan deemuun kan dhabamu ta'uu haalli raaga qilleensaa jiru ni mul'isa jedhaniiru.

Gama biroon naannawwaa horisiise bulaafi gariin horsiise bultootaatti rooba idilee olii kan argataniifi darbee darbee rooba idileen olii ni argatu jedheera.
 

Kana hordofuunis  bakkeewwan eeraman kanatti ofeeggannoon dursaa barbaachisaan godhuamuu akka qabu instiitiyutichi hubachiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015