Xumuramuun guutiinsa bishaanii hidha haaromsaa mirkanaa’uu guddina biyyaaf qooda olaanaa qaba-jiraattota Dirreedawaa - ENA Afaan Oromoo
Xumuramuun guutiinsa bishaanii hidha haaromsaa mirkanaa’uu guddina biyyaaf qooda olaanaa qaba-jiraattota Dirreedawaa

Fulbaana 02/2016 (TOI) - Xumuramuun guutiinsa bishaanii hidha haaromsaa mirkanaa’uu guddina biyyaaf faayidaa olaanaa qabuun cinaatti abdiin dhalootaa akka dagaagu taasisa jedhan jiraattonni magaalaa Dirreedawaa.
Jiraattonni yaada TOI’f kennaniin hidhi haaromsaa si’a arfaffaa fi xumuraaf guutamuusaatti gammaduusaanii ibsaniiru.
Dargaggoo Kabbadaa Ijjiguu gamasaatiin, hidhi haaromsaa guddina waliigalaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf qooda olaanaa kan qabuu fi abdii dargaggootaa kan kakaasedha jedhe.
Daa’imni oladeemaa Naatina’eelis akkasuma hidha haaromsaa bishaan guutuun milkaa’uunsaa abdii guddaa kan itti horee fuulduras misooma biyyaa si’achiisuun olka’iinsa Itiyooph
iyaa mirkaneessuuf qooda olaanaa akka qabu ibseera.
"Fedhiin koo Itiyoophiyaan akka olkaatudha” jechuun abdii hidha kanarraa qabu dubbateera.
"Hidhi haaromsaa guddichi Itiyoophiyaanonni tumsa taasisaniif guddinni Itiyoophiyaa dhugoomuunsaa hinhafu “ kan jette ammoo adde Hewaan Alamuuti.
Obbo Feenus Abduljabbaar gamasaaniin, “hidhi haaromsaa imala badhaadhinaa Itiyoophiyaa mirkaneessuun gamatti addababayii addunyaarratti Itiyoophiyaa seenaa haaraan kan ijaarudha jedhan.
Misooma si’achiisuun hiyyummaa dhabamsiisuuf imala jalqabame milkaa’inaan galmaan ga’uuf guutiinsi bishaanii milkaa’uunsaa tarkaanfii guddaa ta’uusaa dubbataniiru.
Maanguddoon obbo Alamuu Mokonnin gamasaaniin bishaan kun milkaa’inaan xumuramuunsaa dhaloonni seenaasaa haaraa kan itti barreessee fi abdiisaa kan kakaasedha jedhaniiru.
Ijaarsi hidha kanaa guutummaatti xumuramee tajaajilaaf amma oolutti deeggarsa taasisaa turan akka itti fufan jiraattonni ibsaniiru.