Kabaja ayyaana bara haaraa irratti balaan tasaafi ibidda osoo hin mudatiin nagaan kabajameera.

1890

Fulbaana 2/2016 (TOI) - Magaalaa Finfinneetti ayyaanni bara haaraa osoo balaan ibiddaafi kanneen biroon hin mudatiin nagaan kabajamuu Komishiniin hoggansa Ibiddaafi sodaa balaa beeksise.

Hawaasni ergaawwaan ofeeggannoo kenna haalaa hojiirra oolchuuf deegarsaa taasiseef komishiniichi galateeffateera.

Ogeessii kominikeeshinii Komishinichaa obbo Nigaatuu Maammoo jala bultii kabaja ayyaana bara haaraa irraa jalqabee balaan ibiddaafi balaan tasaa biroo osoo hin mudatiin darbuu himaniiru.

Hojii hubannoo uumuu hojjetameen hawaasni ogeeffannoo barbaachisaa waan taasiseef balaan osoo hin mudatiin ayyaanichi karaa nagaa akka kabajamuu ta'uu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru.

Sababoota Balaa ibiddaafi balaa tasaa uumuu danda'an hubachuun hojiirra oolchuun hawaasa biratti baratamaa dhufuu himanii, kunis balaan tasaa akka hin mudanee gahee olaanaa bahaa jira jedhaniiru.

Ayyaanaoonni gara fuula duratti kabajamanis karaa nagaa akka kabajamaniif komishiinichi qophii gahaa taasisee kan jiru ta'uu himanii hawaasni sababoota balaa ibiddaafi balaa tasaa biroo uumuu danda'an irraa cimsee akka of eeguu hubachiisaniiru.

Balaan ibiddaafi balaan tasaa biroo yoo mudate bilbila bilisaa 939, bilbila kallaatti 0111-55-53-00 ykn በ0111-56-86-01 bilbiluun beeksisuun Komishiinichi deebii hatattamaa balaa uumameef akka kennu beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015