"Baga Waggaa Haaraa Bara 2016 Nagaan Geessan"-Shimallis Abdiisaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa - ENA Afaan Oromoo
"Baga Waggaa Haaraa Bara 2016 Nagaan Geessan"-Shimallis Abdiisaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Dacheen irra jiraannu marfata yeroo uumaan qajeelchee kenneen hoogganamtee, taateewwan jajjaboo jireenya dhala namaatiif hiikoo addaa qaban duraa duubaan keessummeessuudhaan dhala namaa muuxannoo jireenyaa gonfachiifti. Yeroon maree darbuufi maree dhufu kun qormaataa fi injifannoon kan guutame yoo ta'u, ilmi namaas qormaatawwan kanneen mo'achuun injifannoowwan galmeessee eebbaa fi carraa gonfachuuf garee fi dhuunfaan ifaaja. Kanaafis, Oromoon duudhaaf safuu, muuxannoo kuufama jireenyaafi ogummaan tikfamuun akka dhuunfaattis ta'e waloomaan akka sabaatti qormaata injifatee milkii qajeelfata. Dhuka yeroo lakkaa'ee dhaha isaa xiinxalee waaqa yeroo maree fidee dabarsu, eebba waakkii malee nama badhaasu galateeffata.
Kabajamtoota uummata Oromoo fi lammileen Itiyoophiyaa baga bara 2015 maree darbe ofkaltanii waggaa haaraa bara 2016 maree dhufe nagaan geessan. Waqtiin Gannaa yeroo roobni sirnaan roobee lafa jiisu, sanyiin faca'e iciitii uumamaatiin margee Birraa asheetee bilchaatee abdiin qaama uffatee ilma namaaf beenyaa baasudha. Qormaata waqtii Gannaa obsaan injifatanii, dafqaanis dabaalanii, hojiin cimsanii tumsuun eebba Birraa nama badhaasa. Injifannoos nama gonfachiisa.
Birraan waktii gatiin dadhabbii iciitii uumamaan dachaa dachaan milkaaee eebbaan nama quubsu, abaaboon daraaree dacheen qooree magariisa uffatee miidhagudha. Lagni Ganna guutee firaaf lammii gargar fageessu, Birraan yoo bariu hiratee, dacheen miidhagina uumamaan faayamtee firaaf lammii walitti dhiyeessuun hariiroo hawaasummaa cimsu, abdii haaressee walooma jabeessu waktii addaati. Birraan adeemsa yeroon maree dhufee maree darbu qofaa osoo hin taane, jijjiirama bu'uuraa abdiin eegamaa ture qormaata injifachuun qaama uffatee dachee uumamaa bifa haaraan kan miidhaksu, hawaasummaa ilma namaa haaressee jijjiirama olaanaaf kan qopheessuu fi tibba uumaan eebba dinqisiisaa iciitii uumamaan baay'isee kan hedduu hojjete hedduu badhaasudha.
Bara 2015 dabarsine kana keessa taateewwan idil-addunyaa akka eegamanitti ta'ee, shira dinagdee keenya irratti diinota kenyaan wixinaa'een qaala'insi jireenyaa muudatus, tarsiimoowwan adda addaa bocamaniin kaayyoon diinotaa fashalaa'uu danda'eera. Hanqina roobaan walqabatees hongee naannawaa horsiisee bulaatti muudateen beelladoonni rakkoof saaxilamanis, humna waloo qindaaeen lubbuun nama tokkollee balaa kanaan utuu hin darbiin dandamachuun danda'aameera.
Kabajamtoota uummata biyya keenyaa, waggoota jijjiiramaa dabarsine keessa qormaatilee gara carraatti jijjiiraa, duudhaa fi safuu keenya ganamaatti deebi'uu eegaluu keenyaan imala qabsoo keenya irraa jalaan gamtaan qajeelfannee, injifannoolee jajjaboo gonfannee jirra. Waggoonni dabarsine kunneen boqonnaa guddicha kuufama rakkoo siyaasaa, wal'aansoofi maraammartoo hiyyummaa, rakkoolee bulchiinsa gaarii fi jeeqamuu nageenyaa waggoottan hedduu lakkoofsise ta'us, Itiyoophiyaa fakkii badhaadhina Afrikaa taasisuuf imalli taasifne milkii nu gonfachiiseera. Kanaanis biyyi keenya biyyoota Afrikaa dinagdee jabaa qaban keessaa 5ffaa Baha Afrikaatti ammoo 1ffaa ta'uu dandeessee jirti. Hojiin akka naannoo keenyaatti uummata keenya hirmaachisuun kutannoon hojjechaa turres milkaa'ina kanaaf gumaacha olaanaa taasiseera.
Har'i keenya akka kaleessaa dukkana akka hin taaneefi qabsoon keenyas kan moggaatti dhiibameefi boodatti deebi'u ta'uu bira darbee haaromsa jabaa keessatti humna horatee sirna Federaalizimii sabdaneessa obbolummaa irratti ijaarameen injifannoo haaraaf nu kaadhimeera. Ajandaa fudhachuu osoo hin taane, ajandaa misoomaafi nageenyaa kennuutti ce'uun danoomina idileessinee kabaja sabootaa ol qabuun Itoophiyaa haaraa hunda keenyaaf taatu waloon ijaaraa jirra. Biyyi waloomaan ijaaramaa jirtus hundarraa kan ijaaramte, hundaafis kan taatuufi hundaanis kan tikfamtu biyya faajjii birmadummaa ishee Addunyaa irratti kabajan ol qabaa jirtudha.
Uummanni keenyaa duudhaa isaa ganamaatti akka deebi'uuf labsiiwwan garaagaraa baafneen hojii Tajaajila Lammummaatiin misooma waloo mirkaneessaa, Buusaa Gonofaatiinis rakkoowwan hawaasummaa waloo hiikamuu eegalaniin hojiin ajaa'ibaa hojjetamaniiru. Mana Murtii Aadaatiin uummanni keenya dhiyeenyatti haqa argachuu kan itti eegaleefi Gaachana Sirnaatiin nageenyi waloo akka tikfamu hojii hojjetameen maddi qormaatilee guutummaatti goguu baatanis boqonnaa haarawaa akka eegallu nu taasiseera. Kanaanis, humnoonni waloo keenya gaachana rakkoolee uumamaafi namtolchee ittiin qolannu ta'uu bira darbuun daandii imala naannoo keenyaa milkeessuuf bu'uura amansiisaa kaa'uu danda'aniiru.
Inisheetiivota gama qonnaatiin bocaman milkeessuufis dandeettii qonnaan bultootaafi ogeeyyii leenjiiwwan adda addaan jabeessaa, qonna kilaasteraa makaanaayizeeshiiniin geggeessineen biyyi barootaaf harka alagaa eeggachaa turte seenaan ishee jijjiiramee Bonaafi Ganna, Birraa fi Arfaasaa oomishuu akka dandeessu addunyaatti agarsfteetti. Hojii hojjetameenis midhaan nyaataan of danda'uu bira dabarree yeroo jalqabaaf qamadii gabaa alaaf erguun keenya kutannoon hojjechuun milkii injifannoo akkaa nama gonfachiisu mul'iseera.
Bara dabarsine kana qormaata kamiifuu osoo harka hin kenniin haala rakkisaa keessatti seenaa dhagaa bu'uuraa kaa'uu jijjiirree pirojektoota kumaatamoota ijaarree eebbisiisaa, sagantaa ashaaraa magariisaa milkeessuuf hirmaannaa ummata naannoo keenyaan biqiloota miliyoonotaan lakkaaamu dhaabuun ashaaraan dhaloota haraa dhaloota egereef akka darbu taasifneerra.
Kabajamtoota uummattoota keenyaa; barri haaraan 2016 ammoo bara karoora xiiqiiti. Bara itti aadaa hojii keenyaan jijjiirama bu'uuraa fiduuf waadaa itti gallu qofa osoo hin taane bara hojiiwwan sirna jabaa ijaaruufi fayyadamummaa ummata keenyaa itti mirkaneessinu bara addaati. Keessumattuu bara itti miira tajaajiltummaan gabbateen uummata keenyaaf hojjennu, kalaqa babal'isuun carraawwan hojii kan itti uumnu, sirnaafi seeraaf bitamuun qajeeltoowwan aadaa hojiifi hojimaata dinagdee keenyaa ittiin fooyyeessinu taasifnee itti fayyadamuu qabnudha.
Biyyi barootaaf gootummaa ishee qofaan faarfamaa turte guddina dinagdee isheenis addunyaa irratti akka beekamtuuf xiiqii, kutannoo fi cimanii hojjechuu gaafata. Dhalootaaf galaa galaasuun gadadoo osoo hin taane badhaadhina dhaalchisuun ga'ee dhaloota har'aati. Hiyyummaan xuriidha, xuriin ammoo godaannisa hin fayyine osoo hin taane dhiqatameetu qulqullaaa. Waan ta'eef, hiyyummaa obbaafachuun badhaadhina dhugoomsuun dirqama dhaloota har'aati.
Barri 2016 bara carraawwan misoomuuf qabnu hunda daguugnee fayyadamuun guddummaa biyya keenyaa itti mirkaneessinu akka tahuuf hunduu qooda isaa baachuu qaba. Akeekni hiyyummaa keessaa bahuuf qabannes kutannoofi cimnee hojjechuu keenya qofaan mirkanaa'a.
Xumura irratti, barri haaraan uummata Oromoof, saboota, sablammootaafi uummattoota Itoophiyaa hundaaf kan gammachuu, milkii gaarii fi imala badhaadhinaa keenya itti milkeesinu akka nuuf ta'un hawwa. Oromiyaan ijaarru, Itoophiyaan utubnuufi Gaanfi Afrikaa tasgabbeessinu imala badhaadhinaa keenyaaf utubaa, nageenya waaressuuf riqicha amansiisaa fi sirna federaalizimii sabdaneessa mirkaneessuuf bu'uura amansiisaa tauu hubannee hundi keenya biyya keenyaaf waliin haa hojjennu. Barichi bara hojjetanii itti milkaaan, hundaa ol bara obbolummaa dhugaan tokkummaan keenya ititee nageenya waaraan itti mirkanaau akka nuuf tau hawwaa, irra deebiidhaan baga bara haaraa 2016 nagaan geessan jechuun barbaada.
Oromiyaa ni jaarra
Itiyoophiyaa ni utubna
Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina
Waaqayyoos nugargaara.
Shimallis Abdiisaa
Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Qaammee, 6/2015
Finfinnee