Tamsaasa Kallatti:

Tola ooltuu tola ooluun deeggaraman 

Adde Muluu Fariisaa umuriinsaanii waggaa 60 yemmuu ta’u, Magaalaa Gaambeellaa ganda 03 jiraatu.

Tola ooltummaan kan beekaman adde Muluun mana duufaa keessatti waggaa dheeraaf farsoo naquu fi bidden gurguruun jiraatu.

Qabaachuu baadhus, humni koo dadhabaa dhufus daa’imman rakkatan ofitti fudhadhee guddisuuf duubatti hinjedhu jedhu Adde Muluun.

Hojii kana hojjechaa ijoollee dahan shan malee daa’imman rakkatoo lama fudhatanii guddisuun akka ofdanda’an taasisaniiru.

Yeroo ammaa daa’imman rakkatoo fi maatiisaanii dhaban afur guddisaa jiru.

Daa’imman kanneen ofitti fudhatanii kan guddisaa jiran irraa hafee osoo hinta’iin daa’imman rakkatan deeggaruun waan isaan gammachiisuuf akka ta’e ibsu.

Irraa hafuus baatu, humnisaanii dadhabaa dhufus daa’imman rakkatan arganii bira darbuu waan hindandeenyeef ammas ofitti fudhachuun guddisuurraa duubatti hinjenne.

Mannisaanii waan diigameef ganna bokkaa fi lolaan rakkachaa akka turan eeranii, amma garuu tola ooltotaan ijaaramaafii akka jiru dubbataniiru.

Mootummaan rakkoo manaa hubatee deeggarsa taasiseef galateeffataniiru.

Jiraattonni naannawaa, olloonnisaanii osoo irraa hin hafiin daa’imman maatiisaanii dhabanii fi rakkatoo ofitti fudhatanii guddisuuf yaalii taasisan barsiisaa akka ta’e dubbatu.

Kanneen keessaa obbo Jamaal Musxafaa yaada kennaniin “Adde Muluun umuriikanaan osoo ofiifuu hinqabaatiin ijoolleesaaniirra darbanii daa’imman rakkata jaaha ofitti fudhatanii guddisaa kan jiran haadha jabduudha” jedhan.

Adde Muluun gaarummaa kanneen humna qaban hingoone hojjetanii kan agarsiisanidha jedhu obbo Jamaal.

"Adde Muluun daa’imman dhukkubsatanii fi maatii hinqabne mana qaban keessatti guddisuun nama beekaman haadha cimtuudha” kan jedhan ammooollaasaanii kan ta’an adde Kalaayitii Haabtoomi.

Mootummaan rakkoosaanii hubatee mannisaanii akka ijaaramuuf taasisuunsaa baay’ee kan nama gammachiisu ta’uu adde Kalaayitii nidubbatu.

Magaalaa Gaambeellaatti dura taa’aan ganda 03 obbo Uboong Gaammee baatiiwwan ganna baranaatiin sagantaan mana humna dhabeeyyii haaromsuu adeemsifamaa akka jiru dubbataniiru.

Manni adde Muluu sagantaa Kanaan akka hojjetamu gandaan kan filataman osoo humna hinqabaatiin ofis ta’e kanneen biroo jiraachisuuf yaalii taasisaa jiran ilaaluuni” jedhan.

Har’a Qaam’ee 3 guyyaan tola ooltummaa mata duree “ tola ooltummaan biyyaaf” jedhuun akka biyyaatti qophiilee addaddaatiin kabajamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015