Dargaggeeyyiin biyya isaanii cimsaanii eeguu qabu - ENA Afaan Oromoo
Dargaggeeyyiin biyya isaanii cimsaanii eeguu qabu

Qaammee 2/2015 (TOI)፡- Wareegamni biyyaafi uummata ceesisuuf gatii kanfalamu ta'uu hubachuun dargaggoonnii biyya wareegamaan ijaaramtee turte eeguu akka qabu miseensoonni Iizii Bahaa Raayyaa Ittisa Biyyaa beeksisan.
Qaammeen 2 Guyyaa wareegamaa '' biyya wareegamaan ijaaruu'' mata duree jedhuun sadarkaa biyyaatti sirnoota adda addaan kabajamaa jira.
Miseensoonnii Raayya Ittisa biyyaa Iizii Bahaa yaada isaanii TOI kennan akka himanitti wareegamni biyyaafi uummata ceesisuuf gatii kanfalamu ta'uu hubachuun dargaggoonnii biyya wareegamaan ijaaramtee turte eeguu akka qabu jedhaniiru.
Miseensoonni raayyaa ittisa biyyaa kunneen Raayyaan ittisa biyyaa wareegama kanafalee biyyaafi uummata kan tiksudha jedhaniiru.
Wareegamni biyyaafi uummataaf kanfalamu kabajaa waan ta'eef biyya raayyichii wareegama kanafalee dhaabe dargaggoonni eeguufi kununsuu qabu jedhaniiru.
Guyyaan Wareegamaa kabajamuun isaa Raayyaa Itiisa Biyyaaf hiikkaa guddaa kan qabu ta'uus ibsaniiru.
Wareegami gatii uummannni walqixummaan akka jiraatu akkasuma fedhii misoomaa qabu akka gonfatuuf kanafalamuudhas jedhaniiru.
Biyyi ijaaramtee kan dhaabbatte wareegamaan ta'uu himanii biyya wareegamni itti kanfalamee nu bira gahee nunis itti fufsiisuu dirqama qabna jedhaniiru.