Itiyoophiyaan injifannoo dinqisiisaa dorgommii fiigichaan qabdu dameelee atileetiksii birootiin dabaluuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba-ministira Aadaa fi Ispoortii Qajeelaa Mardaasaa - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan injifannoo dinqisiisaa dorgommii fiigichaan qabdu dameelee atileetiksii birootiin dabaluuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba-ministira Aadaa fi Ispoortii Qajeelaa Mardaasaa

Hagayya 29/2015 (TOI)- Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa Itiyoophiyaan injifannoo dinqisiisaa dorgommii fiigichaan qabdu dameelee atileetiksii birootiin dabaluuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka qabu ministirri Aadaa fi Ispoortii Qajeelaa Mardaasaa ibsan.
Atileetota Itiyoophiyaa shampiyoonaa Atileetiksii addunyaa 19ffaa Haangaarii Buudapeestitti adeemsifamerratti hirmaataniif kaleessa sagantaa beekamtii fi badhaasaa taasifameera.
Ministirri aadaa fi ispoortii obbo Qajeelaas Mardaasaa waltajjicharratti haasawa taasisaniin, namoota hojii irratti ramadamanirratti bu’aa buusan badhaasuu fi beekamtii kennuun barbaachisaa akka ta’e dubbataniiru.
Kaayyoon badhaasa atileetota shaampiyoonaa atileetiksiitiin Itiyoophiyaa waamsisaniif kenname fuuldura qabxii fooyya’aa akka fidanii fi dhalootaaf fakkeenya akka ta’anidha jedhaniiru.
Qabxiin Buudapeestitti argame hojiin garee dorgommicharratti ture gumaacha olaanaa bahuusaa ibsanii fuuldura hanqinoota jiran sirreessuun qabxii fgooyya’aaf hojjechuun akka barbaachisu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan damee atileetiksiin injifannoo bara dheeraa akka qabdu ibsanii, dorgommiiwwan biroonis kana dabaluun akka barbaachisu kaasaniiru.
Kanaafis federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa fuuldura dorgommii fiigichaan alatti dorgommiiwwan atileetiksii biroorratti xiyyeeffattee hojjechuu akka qabdu himaniiru.
Pirezidaantiin federeeshinii atileetiksdii Itiyoophiyaa gargaartuu Komishinaraa Daraartuu Tulluu gamasheetiin, haala qilleensaa rakkisaa keessatti qabxiin Buudapeestitti argame amma eegame ta’uu baatus qabxii guddaadha jette.
Qaama dadhaboo dorgommicharratti argfame sirreessuun taphoota Olompiikii fuuldura Paarisitti adeemsifamurratti qabxii fooyyee fiduuf akka hojjetamu mirkaneessiteetti.