Tamsaasa Kallatti:

Milkaa’ina misoomaa fi nageenya waaraa hunda galeessaa Itiyoophiyaa mirkaneessuun ittigaafatama waloo keenya ta’uu qaba-Kantiinbaa Adaanech Abeebee

Hagayya 29/2015 (TOI)- Milkaa’ina misoomaa finageenya waaraa hunda galeessaa Itiyoophiyaa mirkaneessuun ittigaafatama waloo keenya ta’uu qaba jedhan Kantiinbaan magaalaa Finfinnee Adde  Adaanech Abeebee dubbatan.

Waltajjiin maree waa’ee Itiyoophiyaa dhaabbanni pireesii Itiyoophiyaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee waliin ta’uun qophaa’e Finfinnee golambaa saayinsiitti adeemsifamaa jira.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee adde Adaanech Abeebee sagantaa kanarratti argamanii, milkaa’ina misoomaa hundagaleessaa, guddinaa fi nageenya waraa  Itiyoophiyaa mirkaneessuun dhimma waloo hunda keenyaa ta’ee itti fufuu qaba jedhan.

Hundi keenya yoo waliin dhaabanne karoorri misoomaa hinmilkeessine, rakkoon nuti hinceene hinjiraatu kan jedhan kantiibaa Adaanech,nuyi Itiyoophiyaanonni dhimma waloo keenyaarratti walmari’achuun, waliin dubbachuu fi walmari’achuun biyya keenya ijaaruu qabna jedhaniiru.

Hojii raawwachiisaan olaanaa dhaabbata pireesii Itiyoophiyaa obbo Geetinnat Taaddasaa, duudhaalee waloorratti mari’achaa, waliin jireenya cimsinee Itiyoophiyaa itti fufsiisuun ittigaafatama hunda keenyaa ta’uu qaba jedhaniiru.

Waltajjiiwwan yeroo addaddaa waa’ee Itiyoophiyaarratti adeemsifaman rakkooleef furmaata waloo barbaaduum, milkaa’inoota waliin itti fufsiisuurratti kaayyeffatanii raawwatamuusaanii yaadachiisaniiru.

Magaalaawwan addaddaa 13 keessatti Itiyoophiyaa ilaalchisuun waltajjiiwwan taa’amuusaanii kaasanii, waltajjiin har’aa jalqabsiisa waltajjii 14ffaati jechuun dubbataniiru.

Waltajjiiwwan Kanaan dura taa’aman bu’aaleen qabatamaa irraa argamuusaa eeraniiru.

Abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa, hooggantoonni mootummaa, hayyoonnii fi kanneen biroos naannolee addaddaarraa walitti dhufan waltajjii har’aarratti hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015