Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa har’a jalqabameera

Hagayya 29/2015 (tOI) - Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa har’a Naayiroobii magaalaa Keeniyaatti jalqabameera.

Yaa’iin kun mata duree “guddina magariisaan durfamuu fi furmaata faayinaansii  haala qilleemsaa Afriikaa fi Addunyaaf” jedhuun adeemsifamaa jira.

Yaa’iin qopheessummaa mootummaa Keeniyaatiin adeemsifamaa jiru kun jijjiiramni haala qilleensaa fi miidhaaleen jijjiirama kana waliin dhufan Addunyaarratti keessumaa dhiibbaan Afriikaarratti geessisaa jiruuf  furmaata hatattamaa barbaaduun jaala danda’amurratti akka mari’atu odeeffannoon TOI’n gamtaa Afriikaarraa argate nimul’isa.

Yaa’iin ku filmaatota jijjiirama haala qilleensaa biyyoota Afriikaa ittisuu dandeessisan dhiheessuun karoorri kan itti qophaa’u, haala Kanaan “tumaa Naayiroobii” wixineessuuf haala mijeessuu akka dandeessisu ibseera.

Yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa idil addunyaa 28ffaa (COP28) Sadaasa 20 amma Mudde 2/2016tti emereetota Araba gamtoomaniitti adeemsifamuun dura haala Afriikaan yaa’ii kanarratti sagaleeshee dhageessisuu dandeessurratti akka mari’atu ni’eegama.

Galmoota yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa 21ffaa (COP21) akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2016 Paarisitti adeemsifamerratti kaa’aman gama milkeessuutiin sadarkaan irra jiru akka qoratamu beekameera.

Yar’aa kaasee Yaa’ii Kanaan cinaatti guyyoota walitti aanan shaniin mata duree “Torbee jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa” jedhuun sagantaaleen addaddaa akka raawwataman Gamtichi ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015