Naannoo Oromiyaatti Industirii Ispoortii Caalaatti Ammayyeessuun Faayidaa Argamu Guddisuuf Hojjetamaa akka jiru ibsame

Hagayya 27/2015(TOI)- Naannoo Oromiyaatti bu'uuraalee ispoortii babal'isuu fi industirii ispoortii ammayyeessuun faayidaa hawaas-dinagdee damicha irraa argamu guddisuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa akka jiru biiroon Daragggoofi Ispoortii Oromiyaa beeksise.

Pirojektiin Inistiitiyuutii Leenjiifi Qorannoo Ispoortii Daraartuu Tulluu Birrii Biliyoona 1 oliin Shaggar Kutaa Magaalaa Sulultaatti hojjetamaa ture bara haaraa kana irraa eegalee gosoota ispoortii garaagaraatiin leenjitoota 280 simachuun hojii jalqabuuf qophii xumuruu isaa biirichatti itti aanaa hoogganaa fi ittigaafatamaa Damee Ispoortii Obbo Dassaalenyi Xilaahun ibsaniiru.

Ispoortii gara induustiriittti ceesisuun fayyaa hawaasaa eeguuf, madda galii ta'uun dinagdee biyyaa akka utubu gochuuf Akkaadaamiiwwanii fi giddugala leenjii babal'isuun hirmaannaa fi fayyadamummaa dargaggootaa guddisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiru jedhaniiru.

Inistiitiyuutiin Leenjiifi Qorannoo Ispoortii Daraartuu Tulluu waggoota sadeen dhufanitti gosoota Ispoortii 17n leenjii kennuuf kan karoorfate yoo ta’u, bara haaraa kanatti gosoota Ispoortii shan (Atileetiksii, Kubbaa Miilaa, Kubbaa Saaphanaa, Kubbaa Kaachoo fi World Tekaandoon) hojii eegala jedhameera.

Inistiitiyuutiin kun woorkishooppii fi kutaalee tajaajiloota adda addaaf oolan kan guutameef yoo ta’u, sadrkaa biyyaa fi Afrikaa bahaatti isa hangafaa fi guddaa ta’uun eerameera.

 Inistiitiyuutchi iddoo qorannoo fi qo’annoo industirii Ispoortii akkasumas Akkaadaamota naannoo fi biyya keenyaafis deeggarsa adda addaa kennuun alatti, ispoorteessitoota dorgomaa ta’uun naannoo fi biyya bakka bu’an qopheessuuf kan hojjetudha jedhameera.

Dhaabbanni kun meeshaalee tajaajila adda addaatiif oolan dabalatee baasiin birrii biiliyoona 1 tuqaa 5 baasii taasifameeraaf.Biiroo komunikeeshinii Oromiyaarraa odeeffanne.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015