Tamsaasa Kallatti:

Inistiitiiyuutiin Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Odeeffannoowwan Qonnaa Dijitaalawaa Gochuuf Waliigaltee Mallatteesse

Hagayya 22/2015(TOI)- Inistiitiiyuutiin Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa waldaa dhuunfaa Giriin Agroo Sooluushiin ittigaafatamnisaa murtaa’e waliin Odeeffannoowwan Qonnaa Dijitaalawaa Gochuuf Waliigaltee Mallatteesse.

Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii Tiraanisfoormeeshinii qonnaa Itiyoophiyaa doktar Maandafroo Nugusee fi hojii gaggeessaan waldaa dhuunfaa Giriin Agiroo Sooluushiin ittigaafatamnisaa murtaa’e Abrahaam Indiriyaas mallatteessaniiru.

Waliigaltichi odeeffannoowwan qonnaa karaa ammayyaa’een sanaddeessuu, dabarsuu akkasumas qonnaan bultoonni odeeffannoowwan gabaa salphaatti akka argatan nidandeessisa.

Kana malees waliigaltichi qonnaan bultoota lafa qonnaa xiqqaa qabaniif tajaajila kennuuf kan dandeessisuu fi  waggoota sadiif akka turu ibsameera.

Aanaalee 150 naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Somaalee, Tigraay, Sidaamaa, Itiyoophiyaa kibbaa fi Itiyoophiyaa jiddugaleessaatti argaman keessumaa kanneen kilaastaraan oomishaniin hojiirra ni’oola jedhan.

Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii Tiraanisfoormeeshinii qonnaa Itiyoophiyaa doktar Maandafroo Nugusee akka jedhanitti, dhaabbatichi tumsa mootummaa fi damee dhuunfaatiin qonnaa tiraanisfoorm gochuuf hojiilee addaddaa hojjechaa jira.

Akkaataa waliigaltichaatiin odeeffannoowwan midhaan haadhoo fi kuduraa fi muduraa, odeeffannoowwan haala lafaa fi xaa’oo dijitaalawaa nita’u jedhaniiru.

Hojiigaggeessaan waldichaa Abrihaam Indiriyaas gamasaaniin odeeffannoowwan qonnaa dijitaalawaa gochuun Qonnaan bultoonni miiliyoona 1 fi kuma 50 akka fayyadaman dubbataniiru.

Odeeffannoowwan qonnaa dijitaalawaa gochuuf hojiiwwan hojjetamaniin dargaggoota fayyadamoo ta’an kuma 82f leenjiin nikennama jedhaniiru.

Inistitiyuutii Tiraanisfoormeeshinii qonnaa Itiyoophiyaatti odeeffannoowwan karaa bilbila bilisaa 8028, karaa tajaajila odeeffannoo gabaa biyyaalessaa /NMIS/ fi tajaajila jiddugaleessa tokkoo appilikeeshinii dijitaala qonnaa qaqqabaa nita’u jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015