Sagantaan Ashaaraa magariisaa misooma dinagdee fi guddina oomishtummaaf gumaacha olaanaa taasisaa jira-Injiinar Ayishaa Mahaammad

Hagayya 19/2015 (TOI) -  Sagantaan Ashaaraa magariisaa misooma dinagdee fi guddina oomishtummaaf gumaacha olaanaa taasisaa akka jiru ministirri jallisii fi naannawa gammoojjii Injiinar Ayishaa Mahaammad ibsan.

Ministeerri jallisii fi naannawa gammoojjii kaleessarraa kaasee magaalaa dirreedawaatti yaa’ii taasisaa jira.

Hirmaattonni yaa’ichaa har’a magaalaa Dirreedawaatti Ashaaraa magariisaa
kaa’aniiru.

Ministira jallisii fi naannawa gammoojjii Injiinar Ayishaa Mahaammad dabalatee hooggantoonni federaalaa fi naannolee saganticharratti hirmaataniiru.

Ashaaraan magariisaa oomishaa fi oomishtummaa Itiyoophiyaa guddisuuf akkasumas dinagdee jijjiirama haala qilleensaan hinmiidhamne ijaaruuf yaalii jalqabame milkeessuuf qooda olaanaa bahaa akka jiru Injiinar Ayishaan ibsaniiru.

Yaa’ii damee ministeera jallisii fi naannawa gammoojjii Dirreedawaatti taasifamaa jiruun raawwii hojii bara bajataa 2015 fi karoora bara bajataa 2016 irratti xiyyeeffate qorachaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015