Tamsaasa Kallatti:

Godina Shawaa Bahaatti bu'uura waliigaltee oomishitootaafi oomishistootaan midhaan gabaa alaaf ooluu lafa heekataarta kuma 18 ol irratti misooma jira.

Hagayya 18/2015(TOI) - Godina Shawaa Bahaatti bu'uura waliigaltee oomishitootaafi oomishistootaan midhaan gabaa alaaf oolu lafa heekataarta kuma 18 ol irratti misooma jiraachuu Waajjiri Qonnaa godinichaa beeksise.

Godinichatti qonnaan irratti waliigaltee oomishitootaafi oomishistootaan dhaabbileen oomishistootaa 29 qonnaan bultoota waliin waliigaltee taasisuun misoomsaa jiraachuu beeksiseera.

Ministeerri Qonnaa aangoo bu'uura labsii waliigaltee oomishitootaafi Oomishistootaa lakkoofsa 1289/2015 kennameefiin ''qajeelafama ittiin bulchiinsa waliigaltee oomishitootaafi oomishistootaa oomisha qonnaa'' baasuun hojiirra oolchaa jira.

Labsichi qonnaan bultoonni lafa osoo qabanii dhiheessii galtee qonnaa gahaa irratti hanqina qaban waliigalteen misooma qonnaa, dhiheessii sanyii filatamaafi xaa'oo biyyoo akkataa waliigalteen oomishistootarra argachuu haala danda'an kan deeggaru yoo ta'u waliigalteen kunis caasaa qonnaa sadarkaan jiraniin kan hojiirra ooluudha.

Haaluma kanaan godina shawaa bahaatti bu'uura waliigaltee oomishitootaafi oomishistootaan waajjirri qonnaa godinichaa lafa heektaaraa kuma 18 irratti hojii misooma qonnaa hojjechaa jiraachuu beeksiseera.

Itti aanaan Wajjira Qonnaa godinichaa obbo Abinnat Zagayyee TOItti akka himanitti, godinichatti haala waliigaltee oomishitootaafi oomishstootaan keessattu gosoota midhaanii gabaa alaaf dhihaatan misoomfamaa jiru jedhaniiru.

Bara oomishaa kanas dhaabbileen oomishistoonnii 32 waliigaltee taasisuun hojii kan hojjechuuf gaaffii kan dhiheessaan yoo ta'u isaan keessaa 29 qonnaan bultoota waliin walii galuun lafa heekataara kuma 18fi 710 irratti oomishaalee gabaa alaatti barbaadaman adda addaa misoomsaa jiru jedhaniiru.

Haaluma kanaan qonnaan bultoonni oomishitoonni gosoota midhaanii barbaadama qulqullinaafi baay'inaan oomishuuf kan dandeesisuu galteewwan qonnaa oomishistootaan dhihaateefii misoomsaa jiru jedhaniiru.

Haala kanaan oomishaawwan oomishamaa jiranis Qamadii, Boloqqee, Saliixafi Maashoon baay'inaan oomishamaa jiraachuu himaniiru.

 

 

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015