Biyyoonni badhaadhan dhiibaa jijjiirama haala qilleensaa hir’isuuf hojii Afriikaan hojjechaa jirtu deeggaruu qabu-Sulxaan Biin Ahimad AL Jaabir

Hagayya 12/2015 (TOI)፡- Biyyoonni badhaadhan dhiibaa jijjiirama haala qilleensaa hir’isuuf hojii Afriikaan hojjechaa jirtu faayinaansiin deeggaruu akka qaban ministirri Industirii fi teeknooloojii olaanaa Emereetota Araba Gamtoomanii fi pirezidaantiin Koop-28 Sulxaan Biin Ahimad Al Jaabir ibsan.

Yaa’iin idilee ministiroota eegumsa naannoo Afriikaa 19ffaa “mata duree “rakkoolee naannoo Afriikaa furuuf carraaleetti fayyadamuu, tumsa gabbisuu” jedhuun Finfinneetti taa’amaa jira.

Ministirri Industirii fi teeknooloojii olaanaa Emereetota Araba Gamtoomanii fi pirezidaantiin Koop-28 Sulxaan Biin Ahimad Al Jaabir  akka jedhanitti, dhiibbaanjijjiirama haala qilleensaa addunyaan dhiibbaa guddaa keessa galcheera.

Dhiibbaa jijjiiramni haala qilleensaa geessisu hir’isuu keessatti hir’inni dhiheessii faayinaansii, qaqqabiinsii fi madaalawummaa gufuu akka ta’e ibsaniiru.

Dhiibbaa sababa jijjiirama haala qilleensaan qaqqabaa jiru damdamachuuf sirna tumsaa cimaa diriirsuun hojii bu’a qabeessa hojjechuun nibarbaachisa jedhaniiru.

Qoodni Gaasii faalamaa Afriikaan maddisiiftu harka 7 gadi ta’us miidhaan dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa jalaa akka hinbaane ibsaniiru.

Kanaaf biyyoonni badhaadhan kaarboonii gadilakkisan hir’isuuf yaalii taasifamu dhugoomsuuf misooma humna haaromfamuu Afriikaa maallaqaan deeggaruu qabu jedhaniiru.

Yaa’iin ministiroota naannoo Afriikaa Finfinneetti taa’amaa jiru dhiibbaa jijjiiramni haala qilleensaa geessisaa jiru hir’isuuf akka gargaaru dubbataniiru.

Sagantaan misooma Ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa nageenya naannawaa eeguun, hojii qonnaa mijaawaa uumuun nageenya nyaataa mirkaneessuuf faayidaa olaanaa akka qabaatu kaasaniiru.

Jijjiirama haala qilleensaa hir’isuuf yaaliin Afriikaan taasiftu addunyaaf barumsa kan kennu akka ta’e eeranii, xiyyeeffannoon Itiyoophiyaa fi Keeniyaan humna haaromfamuuf kennan kan deeggaramuu fi kan jajjabeeffamudha jedhan.

Yaa’iin eegumsa naannoo ministiroota Afriikaa 19ffaa Hagayya 8 /2015 irraa kaasee gaggeeffamaa jiru murteewwan addaddaa dabarsuun har’a akka xumuramu eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015