Dhiibbaa jijjirama qilleenssaaf deebii kennuuf qindoomina idil addunyaa barbaachisa

Hagayya 11/2015 (TOI) -Dhiibbaa jijjirama qilleenssaaf deebii kennuuf qindoomina idil addunyaa chimuu akka qabu Itti aanaa Ministira Muummeefi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonniin beeksisan.

Yaa'iin idilee Ministiroota eegumsa naannoo Afrikaa 19ffaa mata duree Rakkoo eegumsa naannoo Afrikaa furuuf carra jiru fayyadamuu, qindoomina jiru cimsuu'' jedhuun Finfinneetti geggeeffama jira.

Yaa'ii kanarratti ministiroonni eegumsa naannoo biyyoota Afrikaarraa , bakka bu'oota dhaabbilee idil addunyaa eegumsa naannoorratti hojjetanii akkasuma ogeeyyiin eegumsa naannoo irratti hojjetan hirmaachaa jiru.

Obbo Dammaqaa Mokonniin yaa'ii kanarratti argamuun haasaa taasisaniin, dhiibbaan jijjirama qilleensaa Afrikaatti balaa mancaatii bosonaan lafti akka qullaa ta'u, Hongeefi lolaan akka mudatu taasiseera.

Kunis lammilee Afrikaa hedduu rakkoo hawaas dinagdee heduuf saaxileera jedhaniiru. Keessayyuu dhiibbaan kun ariditiin wabii midhaan nyaatan akka of hin dandeenyee dhiibbaa guddaa uumuu eeraniiru.

Kunis hojii ardichi bara 2033tti karooraa misooma itti fufinsa qabu galmaan gahuuf qabattee hojjetaa jirtuutti danqaa ta'eera jedhaniiru.

Itoophiyaan dhiibbaa jijjirama qilleensaa xiqqeesuu sagantaa shaaraa magariisaa qopheesuun uummata hirmaachifetee hojjechaa jirti jedhaniiru.

Yaa'iin idilee Ministiroota eegumsa naannoo Afrikaa 19ffaa har'afi bor kan geggeeffamu ta'uun himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015