Biqiltuu dhaabuu fi faayidaasaa beeksisuun cimina misooma dinagdee magariisaaf  qooda keenya bahaa jirra – ogeeyyota aartii fi miidiyaa

Hagayya 10/2015 (TOI)  - Biqiltuu dhaabuu fi faayidaasaa beeksisuun cimina misooma dinagdee magariisaaf  qoodasaanii bahachaa akka jiran ogeeyyonni aartii fi miidiyaa ibsan.

Ogeeyyonni aartii fi miidiyaa bulchiinsa magaalaa Hawaasaa gaara Taaborirra biqiltuu dhaabaniiru.

 Ogeeyyonni aartii fi miidiyaa TOI’f yaada kennan akka jedhanitti hojii misooma magariisaa keessatti waan isaanirraa eegamu bahachaa jiru.

Gaazexessaa Heenook Siyyum uumamaaf jaalala addaa akka qabu ibsee, “jireenyi keenya uumama waliin hedduu waan walitti hidhatuuf ashaaraa magariisaa ittifufsiisuun biyya gara badhaadhina barbaadamuutti ceesisuudha” jedheera.

Waan kana ta’eef  sagantaa ashaaraa magariisaatti hirmaachaa turuusaa fi fuulduras hirmaannaasaa akka cimsu dubbateera.

Gaaexessaa Geexuu Tamasgeen gamasaatiin biyya magariisa abboootiin keenya nutti dabarsan eeguun ittigaafatama dhaloota ammaati jedheera.

Misoomni ashaaraa magariisaa akka biyyaatti jalqabame gammoojjummaa biyya miidhaa jiru ittisuun Itiyoophiyaa misoomte dhalootaaf dabarsuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu dubbateera.

Ogeessi miidiyaa fi beeksisaa artiist Mikii Nagaasaa lammiin Itiyoophiyaa hundi bakka jirutti ashaaraa magariisaa yoo kaa’e wabii nyaataa mirkaneessuun fijijjiirama qilleensaa sirreessuun biyyattii gara misooma duraaniitti akka deebisu dubbateera.

Wayitii gannaa baranaatti naannoon Sidaamaa biqiltuuwwan miiliyoona 306 dhaabuuf karoorsee biqiltuuwwan miiliyoona 290 ol dhaabuusaa odeeffannoon biiroo eegumsa naannoo naannichaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015