Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin Finfinneetti biqiltuuwwan miiliyoon 6 ol dhaabamaniiru

Hagayya 08/2015 (TOI) - Finfinneetti sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin amma ammaatti biqiltuuwwan miiliyoon 6 ol dhaabamuusaanii biiroon miidhagina magaalaa fi misooma magariisaa bulchiinsa magaala Finfinnee beeksise.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad mata duree “ egeree keenya har’a haadhaabnu” jedhuun sagantaa ashaaraa magariisaa boqonnaa lammaffaa Waxabajjii 1 bara 2015 naannoo Affaaritti jalqabsiisuunsaanii niyaadatama.

Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin akka biyyaatti biqiltuuwwan biiliyoona 6 tuqaa 5  fi Finfinneettis biqiltuuwwan miiliyoona 17 dhaabuuf karoorfamuun ibsamee ture.

Finfinneetti amma ammaatti biqiltuun miiliyoona 16 ol dhaabamuu biiroon miidhagina magaalaa fi misooma magariisaa bulchiinsa magaalichaa TOI’f addatti beeksiseera.

Gorsituun teekniikaa biirichaa fi bakka buutuun daarektara sululaa fi misooma magariisaa Sintaayyoo Mangistuu akka ibsanitti,  sagantaan dhaabbii biqiltuu baranaa raawwachuuf qophii xumuree hojiitti galuusaa ibsaniiru.

Hojiiwwan bakka biqiltuun itti dhaabamu qopheessuu fi dhaabbiin dura ofeeggannoo taasifamuu qabu ilaalchisuun hawaasaaf hubannoo uumuuf hojjetaman eeraniiru.

Biqiltuuwwan dhaabaman miiliyoona 16 keessaa dhibbantaa 60 muka, dhibbantaan 20 muduraa fi dhibbantaa 20 miidhaginaaf kan tajaajilan ta’uu eeraniiru.

Biqiltuuwwan magaalattiitti dhaabaman teessuma lafaa magaalaa jiddugaleessa godhachuun fi faayidaa qaban hubannoo keessa galchuun raawwatamaa turuu ibsaniiru.

Biqiltuuwwan barana dhaabaman akka qabatan biirichi dhaabbilee addaddaa waliin waliigaltee uumuun kunuunsuun qoodasaanii akka bahan nihojjetama jedhan.

Biqiltuuwwan dhaabaman hawaasaafis ta’e biyyaaf faayidaa olaanaa waan qabaniif biqiltuu dhaaban akka kunuunsan  waamicha dhiheessaniiru.

Misoomni magariisaa altokko dhaabamee kan dhaabatu osoo hinta’iin biiroon biqiltuu dhaabe akka qabatan hordofuu fi kan hinqabanne ammoo akka bakka buusu nihojjetama jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015