Yaa’iin jijjiirama haala qilleenssaa Afriikaa Keeniyaatti ni’adeemsifama

Hagayya 08/2015 (TOI) - Yaa’iin jijjiirama haala qilleenssaa Afriikaa Hagayya 29 amma Qaam’ee 02/2015tti Keeniyaa Naayiroobiitti ni’adeemsifama.

Yaa’iin kun mata duree “guddina dinagdee magariisaan durfamuu fi furmaata jijjiirama qilleensaa Afriikaa fi Addunyaaf” jedhuun adeemsifama.

Yaa’iin Keeniyaan keessummeessitu kun jijjiirama haala qilleensaa fi miidhaawwan jijjiirama kana waliin dhufan addunyaarratti keessumaa dhiibbaa Afriikaarraan gahaa jiran furmaata hatattamaa barbaaduun haala danda’amurratti akka mari’atu TOI’n gamtaa Afriikaarraa odeeffateera.

Yaa’iin kun filmaata biyyoonni Afriikaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf dandeessisu dhiheessuun fi karoora kan itti qopheessan, haala Kanaan “tumaa Naayiroobii” wixineessuuf haala dandeessisu uumuuf akka dandeessisu ibseera.

Yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa idil addunyaa 28ffaa (COP28)  Sadaasa 20 amma Mudde 2/2016 Emereetota Araba Gamtoomanii Dubaayitti adeemsifamu dursuun Afriikaan yaa’icharratti haala sagalee tokko dhageessisuu dandeessurratti akka mari’atu ni’eegama.

Galmoota jijjiirama haala qilleensaa 21ffaa (COP21) akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2016 Paarisirratti adeemsifame irratti kaa’aman gama milkeessuutiin sadarkaa biyyoonni Afriikaa irra jiran akka qoratamu beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015