Ministeerri Aadaafi Ispoortiifi dhaabbileen itti waamamtoonni isaa naannoo Harariitti sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu dhaaban

Hagayya 6/2015(TOI)፡-Ministeerri Aadaafi Ispoortiifi dhaabbileen itti waamamtoonni isaa naannoo Harariitti sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu dhaaban

Sagantaa biqiltuu dhaabuu jiddugala aadaa Harariitti har'a geggeeffame kanarratti Ministirri aadaafi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaa dabalatee hojjetoonni ministeerichaa akkasuma dhaabbileen itti waamamtoonni ministeerichaafi hoggantoonni mootummaa naannoo Hararii hirmaataniiru.

Hoggantoonniifi hojjetoonni ministeerichaafi dhaabbilee itti waamamtoota ministeerichaa turtii naannichatti taasisaniin baratootaa maatiin harka qalleeyyiif meeshaalee barnootaa barbaachisu kan taasisaniif ta'uun himameera.

Kana malees manguddoota namoota isaan gargaaraan hin qabneef mana haaromsuufi hojiiwwaan biroo tajaajila tola ooltummaa yeroo gannaan ni raawwatu jedhameera.

Sagantaa kanarratti Af-yaa'iin mana maree naannoo Hararii obbo Sulxaan Abdulsalaamfi hoggantoonni naannichaa biroon argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015