Warshaa huccuu Ayikaa Addis hojii jalqabsiisuuf hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Warshaa huccuu Ayikaa Addis hojii jalqabsiisuuf hojjetamaa jira

Hagayya 05/2015(TOI) – Warshaa kanaan dura maqaa Ayikaa Addis jedhamuun beekamuu fi maqaa haaraan huccuu Bullukkoo Intagireetid jedhuun akka haaraatti hundaa’ee hojii jalqabsiisuuf hojjetamaa akka jiru ministeerri industirii ibse.
Hooggantoonni olaanoon ministeerichaa warshicha daawwatanii qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’ataniiru.
Warshaan huccuu Ayikaa Addis waggoota 4 darbaniif hojii dhaabee kan ture yemmuu ta’u warshaa carraa hojii kuma 7 ol uumee fi faayidaa dinagdee olaanaa kan qabu akka ture ibsameera.
Kaayyoon daawwannaa hooggantootaa kun carraa hojii warshaan kun uumuun alatti faayidaan dinagdee biyyaaf gumaachu olaanaa waan ta’eef deebisanii hojiitti galchuufidha.
Kana malees warshaa kana akka haaraatti hojii jalqabsiisuuf yaalii taasifamaa jiru deeggaruu fi gargaarsa barbaachisu gochuunis kaayyoo daawwannaa kanaa akka ta’e eerameera.
Dhaabbanni misoomaa Oromiyaa Warshaa kana dureeyyii dhuunfaa waliin ta’uun hojii jalqabsiisuuf hojjechaa akka jiran odeeffannoon ministeera industiriirraa argame beeksiseera.
Sosochiin biyyaalessaa Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhu kan ministeerichaan jalqabame industiriiwwan hojii dhaaban hojii akka jalqaban deeggarsaa fi hordoffii taasisurratti hundaa’uun warshaa kanaaf deeggarsi barbaachisu akka taasifamu eerameera.