Qabeenya bosonaa naannawachaa kunuunsuu fi eeguun nibarbaachisa-doktar Fiqruu Raggaasaa 

Hagayya 04/2015 (TOI) – Qabeenya bosonaa naannoo ummattoota Itiyoophiyaa kibba lixaa godina Kaafaatti argamu kunuunsuu fi eeguun akka barbaachisu de’eetaan ministira qonnaa doktar Fiqruu Raggaasaa hubachiisan.

Hooggantoonnii fi hojjettoonni ministeera qonnaa naannoo ummattoota Itiyoophiyaa kibba lixaa godina Kaafaatti argamuun ashaaraa magariisaa marsaa lammaffaa kaa’aniiru.

Qabeenya bosonaa godinichatti argamu kunuunsuu fi eeguun alatti biqiltuuwwan faayidaa dinagdee qaban dhaabuu fi kunuunsuun akka barbaachisu dubbatan doktar Fiqruun.

Hawaasni naannawaas bosona kunuunsuun faayidaa dinagdee irraa argatu guddisuuf akka hojjetu hubachiisaniiru.

Sagantaan ashaaraa magariisaa har’a naannichatti raawwatamu biqiltuu dhaabuun alatti biqiltuu bardheengaddaa dhaabaman ilaaluuf kan kaayyeffate ta’uu eeraniiru.

Itti aanaa pirezidaantii fi ittigaafatamaan biiroo qonnaa naannoo ummattoota Itiyoophiyaa kibba lixaa obbo Maasrashaa Balaachoo sagantaa ashaaraa magariisaa jalqabame dhugoomsuuf naannichatti amma ammaatti biqiltuuwwan miiliyoona 646 ol dhaabamuu eeraniiru.

Qabeenyi bosonaa naannawichaa haphachaa dhufuusaa kaasanii, rakkinicha furuuf sagantaa ashaaraa magariisaa fi sagantaalee birootiin wagga waggaatti biqiltuuwwan faayidaa addaddaa qaban dhaabamaniiru jedhan.

Deeggarsi ministeerri qonnaa bardheengaddaarraa kaasee taasisuuf obbo Maasrashaan maqaa mootummaa naannichaatiin galateeffachuusaanii odeeffannoon komunikeeshinii mootummaa naannichaarraa argame nimul’isa.

Bulchaan godina Kaafaa obbo Indashaawu Kabbadaaministeerri qonnaa ashaaraa magariisaa fi tajaajila tola ooltummaa gannaatiin naannichatti hojii guddaa hojjechaa akka jiru eeranii, deeggarsi kun cimee akka itti fufu gaafataniiru.

Hojii tola ooltummaa gannaa baranaatiin godinichatti akaakuu hojii 14’n kutaaleen hawaasaa kuma 222 ol hiraachisuun hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Bulchaan aanaa Giimboo obbo Salamoon Xilaahuun ministeerri qonnaa ashaaraa magariisaa aanichatti kaa’uun alatti deeggarsa mana barumsaa aanichatti argamuuf taasisuuf galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015