Hooggantoonni Ministeera barnootaa haala kennisa qoramaata biyyaaleessaa 12ffaa dhaabbilee adda addaatti argamuun daawwatan - ENA Afaan Oromoo
Hooggantoonni Ministeera barnootaa haala kennisa qoramaata biyyaaleessaa 12ffaa dhaabbilee adda addaatti argamuun daawwatan

Adoolessa 25/2015 (TOI) –Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa fi Deetaan minsira Barnootaa Doktar Saamu’eel Kifleen barattoota kutaa 12ffaa qormaataa Biyyaalessaa Saayinsii Uumamaa fudhataa jiran daawwataniiru.
Hoggantoonni kunneen Yuunivarsiitii saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee, Siiviil Saarvisii fi Inistityuutii barnoota Ogummaa fi Teeknikaa Fedeeralaatti argamuun haala qormaaticha daawwataniiru.
Daawwanna isaaniin Qormanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa saayinsii Uumamaa haala gaariin kennamaa jiraachuun Piroofessar Birhaanuun ibsuu ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni mul’isa.