Tamsaasa Kallatti:

Magaalaa Finfinneetti baratoota qormaata kutaa 6ffaa fudhatan keessaa bartoonni kuma 56 ol gara kutaa itti aanuutti darbaniiru.

Adoolessaa 25/2015(TOI) - Magaalaa Finfinneetti baratoota qormaata kutaa 6ffaa fudhatan keessaa bartoonni kuma 56 ol gara kutaa itti aanuutti darbuu Biiroon Barnootaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Waliigalaan magaalichatti barattoota qormaata kutaa 6ffaa fudhatan kuma 73f 667 keessa barattoonni kuma 59f 805 ta'an qabxii 50 ol fiduu biirichi beeksiseera.

Hogganaan Biiroo Barnoota magaalicha qormaata kana ilaalchisuun har'a miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Qormaatichaa yeroo idileen kan baratan baratoonnii kuma 67fi 939 ta'uu eeranii kana keessaas qabxii kutaa itti aanuutti isaan dabarsu kan fidan kuma 56fi 842 ta'u Hogganaan biiroo barnoota maagalaa Finfinnee Dr. Zalaalam Mulaatuu himaniiru.

Qabxiin baratoonni ittiin gara kutaa itti aanuutti darban baratoota yeroo idileen barataniifi 50fi isaa ol akkasuma qaama miidhamtootaaf 45fi isaa ol ta'a jedhaniiru.

Baratoota bara kana qormaaticha fudhatan keessaa 3 qabxii 99 kan fidan yoo ta'u baratoonni 477 immoo 95 ol galmeessuu himaniiru.

Manneen barnootaa 104 baratoota isaanii isaanii guutummaan guutuutti gara kutaa itti aanuutti darbuu himaniiru.

Magaalaa Finfinneetti qormaannii kutaa 6ffaa Waxabajjii 28-30/2015tti kennamuun ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015