Bishooftuun Tuuristoota hawachuu akka dandeessu qulqullinaa fi miidhagina magaalittiif xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira

Adoolessa 21/2015 (TOI) - Bishooftuun Tuuristoota hawachuu akka dandeessu qulqullinaa fi miidhagina magaalittiif xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa akka jiru manni qopheessaa magaalatti ibse.

Balfa gogaa magaalattii keessaa sassaabamu xaa’oo uumamaatti jijjiiruun qonna magaalaa fi qonnaan bultoota naannawaaf faayidaarra oolaa akka jiru beekameera.

Magaalaan Bishooftuu akkaataa murtoo mootummaa naannoo Oromiyaatiin magaalaan Dukamii fi aanaaleen baadiyaa naannawasheetti argaman dabalattee sadarkaa magaalaa ‘Riiji’oopooliitaantiin’ akka gurmaa’uunshee niyaadatama.

Magaalattiin tuuristootaaf kan mijattee fi hawata tuuristootaa akka taatu qulqullinaa fi miidhagina magaalattiif xiyyeeffannaan addaa kennamuusaa manni qopheessaa magaalattii ibseera.

Hojii gaggeessaan magaalaa Bishooftuu obbo Gabree Dhaabii TOI’f akka ibsanitti, magaalattiitti balfa sassaabuu fi dhabamsiisuu ilaalchisee jiraataa waliin waliigalamee gamtaan hojjetamaa jira.

Jiraataan magaalattii balfa adda baasuun bakka qophaa’eef qofa akka kaa’u taasifamuu ibsanii, balfa sirnaan yoo hindhabamsiifne adabbii akka qabu hundi hubateera jedhan.

Bishooftuun gaanfa Afriikaatti bakka tuurizimii filatamaa akka taatu galmoota bulchiinsi magaalattii kaa’e keessaa magaalattii qulqulluu fi miidhagduu gochuun tokko ta’uu dubbataniiru.

Kana dhugoomsuuf jiraataa waliin mari’achuun hubannoo cimsuu fi mandaroota moodalaa uumuun jijjiiramni qabatamaa mul’achaa akka jiru ibsaniiru.

Balfi gogaan waldaalee magaalattiitti gurmaa’aniin walitti qabamu bakka kuusaa ykn ‘saaniitarii laandi fiil’ tti sassaabamee xaa’oon uumamaa irraa qophaa’a jedhaniiru.

Balfa gogaa xaa’oo uumamaatti jijjiiruuf maashinni birrii miiliyoona 3’n dhaabame hojjechaa akka jiru dubbataniiru.

Itti aanaan hojii gaggeessaa mana qopheessaa obbo Addisuu Malkaa gamasaaniin, xaa’oon uumamaa balfa gogaarraa qophaa’u qonna magaalaa fi qonnaan bultoota naannawaaf akkasumas dhaabbilee qorannoo qonnaaf hojiirra oolaa akka jiru ibsaniiru.

Xaa’oo uumamaa qopheessuun cinaatti qonnaan bulaan naannawaas balfa gogaarraa xaa’oo uumamaa qopheessuu akka danda’u iddoon hojjetanii agarsiisuu akka jirus ibsaniiru.

Magaalaan Bishooftuu miidhagduu fi qulqulluu taatee akka itti fuftu jiraattonni magaalattii jalqabbii gaarii itti jiran akka cimsan waamichi dhihaateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015