'Hojii qaama biraarraa barbaaduu dhiifnee carraa hojii ofii keenyaan uummachuu keenyaan bu'a qabeessa taaneera'

Adoolessa 21/2015 (TOI):- Hojii qaama biraarraa barbaaduu dhiifnee carraa hojii ofii keenyaan uummachuu keenyaan of bira darbinee namoota biroofiyyuu carraa hojii uumuu dandeenyeerra jedhan dargaggoonni magaalaa Mattuu dhaabbilee barnoota olaanoorraa eebbifaman.

Dargaggoonni kunneen dhaabbilee barnoota olaanoo adda addaarraa kan eebbifama yoo ta'u hojii mootummaatti qacaramuu osoo hin eegiin haala naannoo isaanii ilaalcha keessa galchuun hojii salphaatti naannoo isaaniitti kaappitaala xiqqaan hojjechuu danda'an adda baasanii hojii jalqabanirraa fayyadamoo ta'aa jiraachuu eeraniiru.

Waladaan gurmaa'anii hojii hojjetan kanarraas maallaqa kaappitala xiqqaan jalqaban amma gara kaappitalaa guddaa sochosuutti ce'uu danda'uu himaniiru.

Miseensoota waldaalee isaanii qofaa osoo hin taane namoota biroofis carraa hojii uumuu akka danda'an himaniiru.

Magaalaa Matuutti dargaggoonni dhaabbilee adda addaarra eebbifaman waldaan gurmaa'anii hojii akka addaa adda akka hojjetaniif Waajjirri Carraa hojii uumuufi ogummaa magaalichaa beeksiseera.

Itti aanaan itti gaafatamaa waajjirichaa obbo Taajuddiin Xurunee, hojii barbaaddota gara waldaa tokkootti gurmeessuun, liqii dabalatee haalawwan barbaachisoo biroo mijeessuun, qaamolee biroo waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Bara baajataa darbe keessa dargaggoota dhaabbilee barnoota olaanoo irraa eebbifaman dabalatee dargaggoota kuma 4 ol gurmeessuun hojiilee adda addaa irratti bobbasuu himaniiru.

Itti dabaluunis dargaggoonni bakka hojiif sheedii akka argatan dursa kennuu dabalatee liqiin birrii miiliyoona 10 ol taasifamuu isaa ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015