Sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu dhaabuu irratti hirmaachuu keenyaan boonneerra - ENA Afaan Oromoo
Sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu dhaabuu irratti hirmaachuu keenyaan boonneerra

Adoolessa 11/2015(TOI) - Qaama sagantaa ashaaraa magariisaa kan ta'ee duula guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 500 dhaabuu irratti hirmaachuu isaaniin boonuusaanii lammilee Itoophiyaafi dhalootaan Itoophiyaa biyyoota adda addaarra dhufanii magaalaa Dirre Dawaatti duulicharratti hirmaatan himan.
Adoolessa 15-19/2015 ''Dirree Dawaan yaade'' mata duree jedhuun yaa'ana diyaaspooraa Dirree Dawaa kabajamuurratti hirmaachuuf kanneen biyyoota adda addaarra dhufan magaalaa Dirre Dawaa mooraa Qaxana daldalaa Bilisaa Dirre Dawaa keessa kaleessa biqiltuu dhaabaniiru.
Miseensoonni diyaaspooraa yaada isaanii TOI kennaan akka himanitti, ofii isaaniiti gara biyya irraa dhufaniitti kan deebi'an ta'uus biqiltuu dhaaban kana kan kunusuu bakka buufatanii deebi'uuf karoorfataniiru.
Hojii ashaaraa magariisaa kanaan biqiltuu dhaabuu qofaa osoo hin taane misooma magaalichaafi biyyaa keessaatti hirmaannaa isaanii akka cimsan himaniiru.