Biqiltuu Kanaan dura dhaabnerraa bu’aa waan arganneef baranas sagantaa ashaaraa magariisaatti hirmaachaa jirra- jiraattota godina Wallagga Lixaa - ENA Afaan Oromoo
Biqiltuu Kanaan dura dhaabnerraa bu’aa waan arganneef baranas sagantaa ashaaraa magariisaatti hirmaachaa jirra- jiraattota godina Wallagga Lixaa

Adoolessa 10/2015(ኢTOI - Biqiltuu Kanaan dura dhaabnerraa bu’aa waan argataniif baranas sagantaa ashaaraa magariisaatti hirmaachaa akka jiran jiraattota godina Wallagga Lixaadubbatan.
Jiraattonni godina Wallagga Lixaa sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoorratti hirmaachaa jiru.
Erga sagantaan ashaaraa magariisaa jalqabamee asitti biqiltuuwwan addaddaa dhaabaa akka jiran jiraattonni TOI’n dubbise ibsaniiru.
Biqiltuuwwan amma ammaatti dhaabaman irraa bu’aa argachuu waan eegalaniif baranas biqiltuu dhaabuurratti hirmaachaa akka jiran dubbataniiru.
Kanneen sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoorratti hirmaachaa jiran keessaa dargaggoo Saamu’eel Tafarii, biqiltuun faayidaa addaddaa waan qabuuf wagga waggaan dhaabaa akka jiran ibseera.
''Biqiltuuwwan Kanaan dura dhaaberraa bu’aa argachuu waanan eegaleef barana nyaataaf kan oolan dhaabaan jira” jedheera.
Misoomni magariisaa faayidaa addaddaa akka qabu kan dubbatan ammoojiraataan godinichaa obbo Caalaa Raggaasaa, waggoota darban biqiltuuwwan addaddaa dhaabuusaanii ibsanii, baranas hirmaachaa akka jiran dubbataniiru.
Biqiltuuwwan Kanaan dura dhaaban isaan fayyadaa waan jiruuf hirmaannaa biqiltuu dhaabuurratti taasisan akka cimsan ibsaniiru.