Tamsaasa Kallatti:

Biqiltuu guyyaa tokkotti Adoolessa 10 dhaabamu ummanni bal’inaan akka hirmaatu biiroon qonnaa Oromiyaa waamicha dabarse

Adoolessa 08/2015(TOI) - Biqiltuu guyyaa tokkotti Adoolessa 10 dhaabamu ummanni naannoo Oromiyaa bal’inaan ba’ee ashaaraasaa akka kaa’u biiroon qonnaa naannichaa waamicha dabarse.

Ganna kana amma ammaatti biqiltuun biiliyoona 3 tuqaa 2 dhaabamuun ibsameera.

Hoogganaan biiroo qonnaa naannoo Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu qophii sagantaa ashaaraa magariisaa guyyaa tokkotti dhaabamuuf taasifame ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Qophii taasifaman keessaas  boolla qopheessuu fi biqiltuuwwan bakka dhaabamanitti geessuun keessatti argamu eeraniiru.

Sagantaa biqiltuu dhaabuu Adooessa 10/2015 guyyaa tokkotti taasifamuuf ummanni naannichaa bal’inaan akka hirmaatu waamicha dabarsaniiru.

Biqiltuuwwan naannichachi barana qophaa’an keessaa biqiltuu biiliyoona 4 tuqa 5 dhaabamaa akka jiran ibsaniiru.

Amma ammaattis biqiltuuwwan addaddaa biiliyoona 3 tuqaa 2 dhaabamuusaanii ibsanii, ummanni sagantaa kanarratti hirmaachuun ittigaafatamasaa akka bahu gaafataniiru.

Akka hoogganaan kun jedhanitti, sagantaa ashaaraa magariisaa boqonnaa jalqabaa naannichatti adeemsifameen bosonni dabaleera.

Damee Kanaan carraan hojii heedduun uumamuusaa, qabiyyeen bishaanii fi xaa’ummaan biyyoo dabaluu dubbataniiru.

Dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa boqonnaa jalqabaa taasifameen ummanni naannichaa biqiltuu biiliyoona 13 tuqaa 8 dhaabuusaa yaadatanii, dhibbantaan 84 tuqaa 9 qabachuusaa himaniiru.

Biqiltuuwwan mootummaan naannichaa barana qopheesse keessaa muraasa naannolee ollaaf kennuusaa yaadatanii, kana keessaa naannoo Somaaleef biqiltuu miiliyoona 2 kennuu eeraniiru.

Sagantaa biqiltuu dhaabuu Wixata dhufu akka biyyaatti adeemsifamu biqiltuuwwan addaddaa biiliyoona 500 akka dhaabamu nibeekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015