Poolisiin nageenya mirkanaa'uu cinaatti ergama akka biyyaatti kenname milkeessuuf gaheesaa bahachaa jiraachuun himame - ENA Afaan Oromoo
Poolisiin nageenya mirkanaa'uu cinaatti ergama akka biyyaatti kenname milkeessuuf gaheesaa bahachaa jiraachuun himame

Adoolessa 08/2015(TOI)-Poolisiin nageenyi amansiisaan akka mirkanaa'u hojjachuun cinaatti ergama akka biyyaatti kenname milkeessuuf gaheesaa bahachaa jiraachuun himame.
Miseensonnii fi hoggantoonni qajeelcha Poolisii godina Baalee dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa aanaa Goobbaatti gaggeessan.
Ajajaan qajeelcha Poolisii godina Baalee gargaaraa komishinaraa Jeeylaan Amaan akka jedhanitti Poolisiin nageenya hawaasaa itti fufiinsa qabu uumuuf hojii hojjatuun cinaatti waamicha ashaara magariisaa muummee ministeeraa doktar Abiyyi Ahmad taasisan fudhachuun biqiltuu dhaabaa akka jiran himan.
Miseensonni qajeelcha Poolisii godinichaa biqiltuuwwan dhaabbataniif kunuunsa barbaachisu taasisuu akka qabanis dhaamaniiru.
Bulchaa ittaanaan godina Baalee Obbo Abrahaam Haylee gamasaaniitiin karoora misooma magariisummaa akka biyyaatti qabame milkeessuu fi dhiibbaa jijjiirama qilleensaatiin dhufu qolachuuf godinichatti biqiltuuleen gosa adda addaa kan dhaabbatu ta’uu himan.
Biqiltuuwwan dhaabamanis rakkoo jijjiirama qilleensaatiin dhufaa jiru xiqqeessuu dabalatee biqiltuuwwan faayidaa diinagdee fi eeggumsa biyyoo fi bishaaniif oolan ta'uus dubbatan.
Miseensonni poolisii dhaabbii biqiltuurratti hirmaatan yaada kennaniin dhaabbii biqiltuu akka biyyaatti gaggeeffamaa jiru keessatti nutis qooda keenna bahachuuf dhaabbii biqiltuu gaggeessaa jirra jedhan.
Godina Baaleetti Adoolessa 10/2015tti biqiltuuwwan miiliyoona 10 ol dhaabuuf qophiin xumuramuusaa ragaan waajjira qonnaa godinichaarraa argame nimul'isa.