Tamsaasa Kallatti:

Warshaan daabboo fi daakuu waajjira giifti dureen magaalaa Hararitti ijaarame eebbifame

Adoolessa  06/2015 (TOI) - Warshaan daabboo fi daakuu waajjira giifti dureen magaalaa Hararitti ijaarame eebbifame.

Warshaan kun guyyaatti daakuu kuntaala 420 fi daabboo kuma 300 kan oomishuu yemmuu ta’u, jiraattota naannawichaa 150 ta’aniif carraa hojii akka uumu ibsameera.

Giifti duree Zinnaash Taayyaachoo fi pirezidaantiin itti aanaa naannoo Hararii Misiraa Abdallaa warshaa daabboo fi daakuu kana eebisanii hojii jalqabsiisaniiru.

Warshaan kun warshaalee waajjirri giifti duree ijaaraarsisee hojii jalqabsiise keessaa isa 7ffaadha.

Warshaan kun tajaajila irraa eegamu akka kennu sirnaan qabamee kan yaadamee ol hawaasaaf tajaajila akka kennu abbummaan akka qabamu giifti duree Zinnaash Taayyaachoo waamicha taasisaniiru.
 

Itti aantuu Pirezidaantii naannoo Hararii adde Misiraa Abdallaa  warshaan daabboo fi daakuu waajjirri giifti duree  magaalaa Hararitti ijaarsise keessumaa kutaa hawaasaa galii xiqqaan jiraatuuf deeggarsa guddaa kenna jedhaniiru.

Warshaan kun ittifufiinsaan akka tajaajiluu fi hanqina daabboo akka furu mootummaan naannichaa kutannoon nihojjeta jedhaniiru.

Giifti duree adde Zinnaash Taayyaachoo akkasumas itti aantuu pirezidaantii naannoo Hararii adde Misiraa Abdallaa sagantaa Kanaan biqiltuu dhaabuun ashaaraa magariisaa kan kaa’an yemmuu ta’u,  hooggantoonni mootummaa olaanoo fi kutaaleen hawaasaa addaddaa sirna eebbaa kanarratti argaaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015