Biqiltuun amma dhaabnu faayidaa dhaloota egeree fi guddina dinagdee biyyaaf akka ooluufi- miseensota Caffee Oromiyaa - ENA Afaan Oromoo
Biqiltuun amma dhaabnu faayidaa dhaloota egeree fi guddina dinagdee biyyaaf akka ooluufi- miseensota Caffee Oromiyaa
Adoolessa 05/2015 (TOI) - Biqiltuun amma dhaabnu har’a qofaaf osoo hintaane faayidaa dhaloota egeree fi guddina dinagdee biyyaaf akka ooluufi jedhan miseensonni Caffee Oromiyaa ibsan.
Ministirri muummee Abiyyi Ahimad Adoolessa 10 bara 2015 guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miiliyoona 500 dhaabuun seenaa haa hojjennu jechuun waamicha taasisuunsaanii niyaadatama.
Adoolessa 10 riikordii ofiikeenyaa nicabsina kan jedhan ministirri muummee, barana biqiltuuwwan miiliyoona 500 guyyaa tokkotti dhaabuun riikoordii keenya nifooyyessina, dhaloota keenya seenaa qabatamaa addunyaatti nimul’ifna jedhaniiru.
Miseensonni Caffee Oromiyaa sagantaa biqiltuu guyyaa tokkotti dhaabamu milkeessuuf qoodasaanii akka bahan ibsaniiru.
Hawaasni dhuunfaa isaatti Muuzii, Avokaadoo, qoccoo fi kanneen biroo qopheessuusaa eeranii “biqiltuun har’a dhaabnu har’a qofaaf osoo hintaane faayidaa dhaloota boruu fi guddina dinagdee biyyaaf akka ooluufidha” jedhaniiru.
Miseensa Caffee fi hoogganaa biiroo qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu TOI’f akka ibsanitti, Adoolessa 10 bara 2015 naannichatti guyyaa tokkotti biqiltuuwwan addaddaa miiliyoona 480 dhaabuuf qophiin taasifameera.
Biqiltuuwwan nyaataaf oolan dabalatee kanneen bosonaaf oolan dhaabuuf qophiin taasifamaa akka jiru dubbataniiru.
Sagantaa Kanaan qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa dabalatee ummanni naannichaa guutummaatti bahee akka hirmaatu waamicha taasisaniiru.
Miseensi Caffee adde Masarat Birhaanuu akka ibsanitti, sagantaan guyyaa tokkotti biqiltuu dhaabuu ashaaraa magariisaa Adoolessa 10 adeemsifamu akka milkaa’u qoodasaanii bahuuf qophii ta’uusaanii beeksisaniiru.
Ijoolleerraa kaasee kutaan hawaasaa sadarkaan jiru akka hirmaatu ummata dadammaqsaa akka jiran eeraniiru.
Keessumaa ummanni nuti bakka buune humna guutuun akka hirmaatuu fi sagantichi akka milkaa’u qoodasaanii akka bahan eeraniiru.
Miseensi Caffee Abduraazaaq Sheeh Hasan gamasaaniin guddaa, xiqqaa osoo hinjedhiin akka hirmaatu qoodasaanii akka bahan ibsaniiru.
Waggoota darban ashaaraa magariisaarratti xiyyeeffachuun hojjechaa turuusaanii kan ibsan ammoo miseensa Caffee obbo Huusiyaa Amaani.
“Har’a biqiltuu dhaabuu jechuun dhaloota boruuf gala tursuudha” kan jedhan obbo Huusiyaan, akka miseensa Caffee tokkootti ummanni isaan bakka bu’an sagantaa biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoottis ta’e hojii gannaatiin akka hirmaatu dadammaqsaa akka jiran dubbataniiru.
Ministirri muummee Abiyyi Ahimad ergaa dabarsaniin Adoolessa 10 bara 2015 aduun baatee amma lixxutti namni tokko mana hinoolu. Daa’ima, maanduddoo dadhabaa, dhukkubsataan alatti eenyuyyuu mana hinoolu jechuunsaanii niyaadatama.