Manneen Murtii keessatti tajaajila dhaqqabamaa, si’ataafi haqa qabeessa ta’e kennuuf hojjetamaa tureera - ENA Afaan Oromoo
Manneen Murtii keessatti tajaajila dhaqqabamaa, si’ataafi haqa qabeessa ta’e kennuuf hojjetamaa tureera
Adoolessa 4/2015(TOI) -Manneen Murtii keessatti tajaajila dhaqqabamaa, si’ataafi haqa qabeessa ta’e kennuuf hojjetamaa turruu, Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigala Oromiyaa Obbo Gaazaalii Abbaa Simal himan.
Sadarkaa mana murtii Oromiyaatti galmeewwan bara kana dhiyaatanii ilaalaman galmeen kuma 29fi 343 keessaa galmeen kuma 27f 174 yookiin harki 92.1 murtii argachuu himaniiru.
Sadarkaa Mana Murtii Olaanaatti immoo galmeen kuma 62fi 992 dhiyaatan keessaa galmeen kuma 59fi 742 yookiin harki 94.8 murtii argachuu himaniiru.
Sadarkaa manneen Murtii Aanaaleetti kuma 400f kuma 98f 95 keessaa galmeen kuma 400fi kuma 78fi 751 harki 96.12 murtii argachuu himaniiru.
Akka waliigalaatti Manneen Murtii sadarkaa sadan kana keessatti galmeen kuma 500fi kuma 90fi 430 keessaa galmeen kuma 500f kuma 65f 667 harki 95.81 murtii argachuu himaniiru.
Manni Murtii Aadaa waldhibdee hawaasaa furuu qofaaf osoo hin taane aadaafi duudhaa Oromoo guddisuufi beeksisuu giddu gala godhatee kan hundaa’edha jedhame.
Kaayyoon hundeeffama Mana Murtii Aadaa ummanni tajaajila haqaa dhaqqabamaa, adeemsa salphaa ta’eefi baasii xiqqaan akka argatu taasisuu; sirna seeraafi haqaa guddina aadaafi duudhaa Oromootiif gumaachuu fi miirri abbummaa keessatti mirkanaa’e uumuudha.
Bu’uura kanaan, Manneen Murtii Aadaa jalqabaa gandoota 6,232 keessatti dhimmoota 376,060 dhihaate keessaa dhimmoota 326,428 furmaata argatanii jiru jedhame. OBN gabaase.