Hojii gaggeessaan olaanaa Daandii Qilleensaa Itoophiyaa warshaa omisha baallee xiyyaaraa 'Airbus A350' Ingilizitti argamu daawwatan - ENA Afaan Oromoo
Hojii gaggeessaan olaanaa Daandii Qilleensaa Itoophiyaa warshaa omisha baallee xiyyaaraa 'Airbus A350' Ingilizitti argamu daawwatan
Adoolessa 1/2015 (TOI):- Hojii gaggeessaan olaanaa Daandii Qilleensaa Itoophiyaa obbo Masfiin Xaasoofi hoggantoonni dhaabbatichaa biroon warshaa omisha baallee xiyyaaraa 'Airbus A350' Ingilizitti argamu daawwataniiru.
Daawwannaan kun kan taasifame waggaa 50ffaa Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa gara Ingilizitti balali'uu eegalee sababeeffachuun jedhameera.
Warshaan baallee Xiyyaaraa Airbus A350 Ingilizitti oomishamuu erga jalqabee waggoota 80 ta'eera.