Sagantaan ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa ardichatti dinagdee magariisa ijaaruuf kan gargaarudha. - ENA Afaan Oromoo
Sagantaan ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa ardichatti dinagdee magariisa ijaaruuf kan gargaarudha.

Waxabajjii 30/2015 (TOI): Sagantaan ashaaraa Magariisaa Itoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu aardichatti sirna diinagdee magariisa ijaaruuf gumaacha olaanaa kan qabu ta'uu Daarektarri Olaanaa Misooma Bosonaa Itoophiyaa obbo Kabbadee Yimaam himan.
Sagantaan ashaaraa Magariisaa Biyyaalessaa erga yaada Ministira Muummee Dr. Abiy Ahmadiin Adoolessaa 2011 eegalame waggaa shan ta'eera.
Sagantaa kanaan marsaa jalqabaatiin, waggaa afur keessatti biqiltuu biliyoona 20 dhaabuuf karoorfamee karooraa ol biqiltuu biliyoona 25 dhaabuun ni yaadatama.
Sagantaa ashaaraa Magariisaa maraaa lammaffaan immoo sadarkaa biyyaatti mata duree "Har'a boru haa dhaabuu'' jedhuun akka biyyaatti biqiltuu biiliyoona 6.5 dhaabuuf hojiiwwan qabatamaan hojjetamaa jiru.
Ministirri Muummee Abiy Ahimadis ibsa kaleessa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf kennaniin, Sagantaan ashaaraa Magariisaa rakkoo jiru furuun madaalaa qilleensaa eeguu keessatti gahee qabaachaa jiraachuu ibsaniiru.
Daarektarri olaanaa Misooma Bosonaa Itoophiyaa obbo Kabbadee Yimaam TOItti akka himanitti, manaca'uun bosonaa addunyaaf qormaata guddaa ta'aa jira.
Sababa manca’iinsa qabeenya uumamaatiin qormaata addunyaa keessa jirtu kana keesaaa bahuuf hojiiwwan eegumsa fi misooma qabeenya umamaan cimsuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Sagantaan Dhaabbii ashaara Magariisaa kan kutannoo hooggantootaa barbaadu, biqiltuu dhaabuun uwwisa bosonaa guddisuu keessatti gahee addaa qaba jedhaniiru.