Finfinneetti qormaanni kutaa 6ffaa kennamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Finfinneetti qormaanni kutaa 6ffaa kennamaa jira

Waxabajjii 28/2015 (TOI) - Finfinneetti qormaanni kutaa 6ffaa buufataalee qormaataa 182 keessatti kennamaa jira.
Finfinneetti barattoonni kuma 75 fi 90 qormaata kutaa 6ffaa kan bara 2015 Finfinnee qoramuuf buufataalee qormaataa 182 keessatti galmaa’uusaanii ibsamuun niyaadatama.
Qormaanni kun manneen barnootaa addaddaa keessatti kennamaa akka jiru TOI’n ilaaleera.
Barattoonni mana barnootaa mootummaa, dhuunfaa fi fageenyaa 570 kutaa magaalaa Eekkaa mana marumsaa idileen duraa fi sadarkaa tokkoffaa Karaa Alootti qormaata fudhachaa jiru.
Itti gaafatamaan buufata qormaataa Gizaawu Damis akka ibsanitti, qormaanni osoo hinjalqabiin dura barattoonni xiin sammuun akka qophaa’an barsiisotaa fi supparvaayizaroota waliin ibsi kennameeraa.
Umuriin barattoota qormaata fudhatanii xiqqaa wan ta’eef wayita qormaata fudhatan yaaddoo tokko malee tasgabbaa’anii sa’aatiisaanii akka fayyadaman taasifamuu dubbataniiru.
Qormaatichi nagana akka xumuramu qaamolee nageenyaa dabalatee qooda fudhattoota addaddaa waliin hojjechaa akka jiran beeksisaniiru.
Ittigaafatamaan biiroo barnootaa Finfinnee doktar Zalaalam Mulaatuu, itti aanaa ittigaafatamaa biiroo Alii Kamaal fiittigaafatamaa biiroo barnootaa kutaa magaalaa Eekkaa Fayyisaa Wadaajoo waliin ta’uun buufataalee qormaataa kutaa magaalichaa keessatti argaman keessatti qormaatichi jalqabamuusaa ilaalaniiru.