Tamsaasa Kallatti:

Manni Maree Federeeshinii ''Naannoo Uummatoota Kibbaa'' naannoo 12ffaa Itoophiyaa ta'ee akka hundaa'u murteesse.

Waxabajjii 28/ 2015 (TOI) - Manni Maree Federeeshinii ''Naannoo Uummatoota Kibbaa'' naannoo 12ffaa Itoophiyaa ta'ee akka hundaa'u murteesse.

Manni marichaa yaa'ii idilee geggeesseen moggaasa maqaa ''Naannoo Uummatoota Kibbaa Itoophiyaa'' jedhuun yaada murtee koreen dhaabbii eenyummaa, Daangaa bulchiinsaafi ijaarsa nageenyaa dhiheesse qorachuun sagalee guutuun raggasiseera.

Itti aanaan walitti qabaa Boordii Filannoo Itoophiyaa Wubisheet Ayyaaloo adeemsa murtoo uummtaa waliigalaa mana marichaaf dhiheessaniiru.

Haaluma kanaan naannoo saboota, sablammootaafi uummatoota kibbaatti godinaaleen 6(Gaamoo, Goofaa, Walaayittaa, Geedi'oo, Konsoofi Oomoo Kibbaa) akkasuma aanaalee aaddaa 6(Burjii, Ammaarroo, Daraashee, Baskeettoofi Alee) waliin ta'uun '' Naannoo Uummatoota Kibba Itoophiyaa'' kan hundeeffatan ta'a jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015