Sagantaan ashaaraa magariisaa biyyatti bakka hundaa magriisa taasisuu kan kaayyeeffatedha. - ENA Afaan Oromoo
Sagantaan ashaaraa magariisaa biyyatti bakka hundaa magriisa taasisuu kan kaayyeeffatedha.
Waxabajjii 27/2015(TOI) - Sagantaan ashaaraa magariisaa biyyatti bakka hundaa magriisa taasisuu kan kaayyeeffate ta'uu Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad beeksisan.
Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad egaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii dabarsaniin sagantaan ashaaraa magariisaa biyyatti bakka hundaa fiixee hanga fiixeetti misooma magariisaan uffisuu kan kayyeeffatedha jedhaniiru.
Har'a godina Oomoo Kibbaa aanaa Nyigaatoomitti ashaaraa magariisaa keenya keenyeerra jedhaniiru.
Bakkeewwan akka kanaatti hojiin hojjennu kun kayyoo yaaddoo hongee ittisuuf taasifnuudhas jedhaniiru.
Hojiiwwan kan itti fufsiisuuf biqiltuuwwaan nyaataf oolan dhaabuun bu'a qabeessa ni taana jedhaniiru.